Ijoo Dubbii ABO
Itophiyaa keessatti hannii fi saamichi haayyamamaa fi deggeramaa dha. Empaayera qabeenyi ummatootaa fi biyyaa miliyoonotaan itti saamamu waan taateef. Empaayera Wayyaanee keessatti lubbuun lammiilee kabajaa hin qabu. Sirna garee shiftaan durfamu mormuun, mirga ofiif qabsaa’uun seeraan ala jedhamee bakkayyutti ajjeefamuun, hidhamuun, dhaanamuu fi balaa ulfaataaf saaxilamuun gochaa guyyuu lammiilee irratti raawwatamaa jiru waan taheef. Bittaa bulchiinsa alagaa jalatti dararamni Saboota mirga uumaa fi seeraan qaban dhaban irra gahu ammoo hunda irra ulfaata.
Gaaffiin sabummaa ummatni Oromoo kaasee waggoota dheeraaf irratti qabsaawaa jiruu fi gaaffii hangafaa tahe silaa kan deggeramuu qabu, gaaffii cubbuu taasifamee, kabajaa ummata Oromoo xiqqeessee, salphisee fi qaanessee gaddaa fi hiyyummaa salphaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa isa seensisee argama. Ajjeechaa, hidhaa fi dararamni diinaan irra gahu hammaatus ummatni Oromoo gaaffii kaaseef hanga deebii quubsaa fi isaaf malu hin argannetti kan qabsoo itti fufu tahuu tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatuun agarsiisaa jira.
Diinni baay’ina meeshaa waraanaa hidhatee fi humna farra ummataa ijaarratetti abdatuun ummata irraan miidhaa geessisu, hanga gateettii isaa irraa hin buufamnettis ummatni Oromoo nagaa, tasgabbii fi guddina kan hin arganne tahuu haalaan hubata. Ummatni biyya isaa irratti sababa weerartootaan kabajaa dhorkatame, qabeenyaa fi biyya isaa irratti abbummaa dhabe, cunqursaa, hacuuccaa fi tuffii jalaa of baasee walabummaan jiraatuun ammoo haqa isaa fi kan seera addunyaan deggeramu dha. Furmaatni isaas walabummaa fi bilisummaa mirga hiree murteeffannaa kabajsiifatuu irraa argama.
Har’a walii galli Empaayerri Itophiyaa addatti ammoo Oromiyaan bakka yakki olaanaan itti raawwatamuu dha. Albuuda Oromoo saamuun kan ittiin duroomaa jiru alagaa humnaan Oromiyaa bitaa jiruu fi shariikota isaa akka tahan ifatti mul’ata. Bosona Oromiyaa gaddaan alatti kanneen ciranii ittiin badhaadhan ammas kanneen alagummaa isaanii of irratti beekan, hiree arganneen saammanna jedhanii fi deggertoota isaanii ti.
Hundaan olitti yeroo ammaa kan ifatti mul’ataa jiruu fi gaddisiisaan duula bosona Oromiyaa irratti diina Oromoon banamee dha. Har’a kallattii adda addaan bosona Oromiyaatti ibiddi qabsiifamee gubataa jira. Gochaan kunis haa tahu jedhamee kan hojjatamaa jiru akka tahe dhokataa miti. Bosona gubataa jirutti dabalee kan gaddisiisu ammo kanneen qabeenyi keenya barbadeeffamuu hin qabu jedhanii kaka’umsa isaaniin ibidda bosonatti qabsiifame dhaamsuuf tattaafatan akka yakkamaatti ilaalamanii hidhamuu fi reebamuu isaanii ti.
Lammiileen Oromoo ibidda bosona Baalee, Harargee, Dhiha Shawaa, Wallaggaa fi bakkoota biraatti qabsiifame dhaamsuun fedhii mootummaa Wayyaanee akka hin tahin, dandeettiis kan itti hin qabne tahuu hubatuun dhaamsuuf yaalii godhaniin hidhaa fi reebichi irra gahaa jira. Balaa ibiddaa kana to’atuuf yaalii godhaniin kan lubbuu dhabanis jiran.


