Search This Blog

Wednesday, February 22, 2023

The Struggle for Freedom Will continue


The main reason of the first negotiation failure between PM Abiy's regime and OLA was the failure on the government’s side to uphold the agreement. The government declared war on OLA fighters in Wollegga. Some of those who returned from Eritrea and were stationed in Arsi were shot dead only fro asking minor questions. They poisoned those who returned heeding a call by Jawar Mohamed, Bekele Gerba and Abba Gada Beyene Senbeto. The government didn’t have the interest to obey the agreement and that’s what necessitated the armed struggle. It is not because the OLF fighters back then didn’t embrace the peaceful struggle but because the government made it clear that it was impossible.

Over the past four years the war in #Oromia has transpired significantly and became more complex. The OLA’s position is clear. It is fighting in the belief that anyone who stands against the freedom of the Oromo, is the enemy of the Oromo. This belief does not change because who controls the government power has replaced . The OLA fought the Dergue, it fought the EPRDF and it still is fighting. It is not about who took power, it fights for its demands. There are people who give up when they become ministers, those who abandon their demands when they enter the parliament. We have seen such people including from within the OLF, but the OLA believes that anyone who stands against the freedom of the Oromo is its enemy, whether a national group or an organization. 

Dhiigni Bilisummaaf dhangala’e Firii malee hin hafu! Lubbuun Biyyaaf dabartes Biyyummaa mirkaneessuun bara baraan yaadatamuun waan hafu miti!

Osoo seenaan hin jiraannee kan of yaadatu hin jiru. Eessaa fi maal keessa turre, eessaa kaanee eessa geenye, deemsa akkamii keessa qaxxaamurree iddoo har’aa kana jirraa kan nama qaabachiisu seenaa dha. Deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn dursamu keessatti Oromoon bakka har’a jiru kana akka ga’uuf wareegamooti gama hundaa hedduun itti baasamanii ti. Deemsi seenaa kunis dhiigaan barraa’ani.
Isa fagoo dhiisnee isuma as kaluu kana keessattillee, Qeerroon/Dargaggootni Oromoo ABO jalatti ijaaramanii falmaa finiinsaa turan wareegama olaanaa baasaniiru. Dhiiga isaanii akka galaanaa jigsuun Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa Oromoof aarsaa ta’aniiru. Isaan kun yoom illee hin dagataman.
Barattootni/dargaggootni/qeerroon biyyaa fi sabboontotni FDG bara 2014 geggeeffame irratti wareegaman kan bakka biraa osoo hin daballe kan Amboo fi naannoo qofti 78 olitti lakka’aman. Dhiiga ijoollee Oromoo fi sabboontotaan harka isaanii kan dhiqataa turan, hawwii fi fedhii ummata Oromoo dura kan dhaabbatan har’a illee sirna PPtti maxxananii ABOtti kan dhagaa guuraa oolan hedduutu jiran. Qaroo ijoollee Oromoo mirga saba isaaniif falmanii wareegama gootaa baasaniin kan ajjeefaman kashalabbootaa fi hattoota jedhanii dirreetti abaaraa turan. Warri akkasii har’as PP keessatti iddoo qabu. Har’as waanuma kaleessa baranii fi hojjetaa turan yaadaan dhiibu.
Sirni Bilxiginnaa dhiiga ijoollee Oromootiin barcuma aangoo ho’ifataa jiraachuun waan dhokataa osoo hin taane, waan dirree jiraa ti. Dhiiga qulqullootaa falmaa mirga abbaa biyyummaaf dhangala’e kanaan aangootti ol ba’anii deebisanii dhiiga kana kabaja dhorkatuun dhiiga biraa jigsuun yakka yakkaan olii ti. Gaafatama jalaas kan isaan baasu miti.
Waggoota 10 fi 15n dura wayyaanotni/EPRDF qabsoo Oromoo if booda deebisuuf yeroo sab-boontota Oromoo/barattoota Oromoo akka baalaa gadi haamaa turan hireen bara 2018 sun waan isaan mudatu itti fakkaachaa hin turre. Warri har’aa PPnis waanuma walfakkaataa deemsisaa jiran. Xumura isaa walumaan ilaaluutu dansa.

No comments:

Post a Comment