Search This Blog

Sunday, May 25, 2014

Teessoo Shaggar fi gosoota Oromoo Shaggar/Finfinnee keessa fi naannoo ishii Qubatan.

Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan ta’ee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan ta’e Galaan kan jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira.
Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilam angafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira. (Gosa gurguddaa 7 qaba)
Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa (Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroo) gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti/Lixaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira. Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema (ilaamnaa sadii qaba)
Lafti Shaggar/Finfinnee jedhamu kun bara Minilik qabamuun ishii beekamaadha. Jalqaba Qubsuma waraana fi maatii nafxanyootaa yoo ta’u booda gara magaala guddiitti Empaayerittitti jijjiramee. Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti faca’uuf fi gosoota naannoo sana jiranitti makamee ture.
Ittii aanee Empaayerittii kan qabatees, bara Hayila Sillaasee, Shaggar babal’achaa deemuun, Oromoota buqqisee godaansisuu itti fufe. Fakkeenyaf bakki Gootaraa jedhamuu fii Fabrikaan Simmintoo ture sun bosaana dukkanaawaa fii Leenci keessaa baroodaa akka ture jaarsoleen dubbataa turan. Baruma bittaa H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun “mannaggashaa Awuraajjaa” jedhama. Finfinneen kantiiban haa bultu malee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaamaa Finfinneetti ilaalama ture.
Babal’ifannaan mootota habashaa bara Dargiis itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) ta’a jedhamee odeeffamaa ture, Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture.
Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootin daangeffama. Kan jechuun warra Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechaadha. Fakkeenya Meetta fi Subba sadeen (3n) fi kkf.
Amma Bara wayyaanee buqqifamuun Oromoo itti hammaatee, Sababni isaa misooma maqaa jedhuun gurgurtaa lafaa irraa argamu maallaqa waan barbaadaniif, warra qabeenya qabanitti lafa maqaa liizii jedhuu hanga waggaa 99ti kontiraata gurguruuf waan ta’eef. Karoora Wayyaanee “Ammisti Amata Pilaan” jedhuu inni jalqabaa ganda qonnaan bulaa Oromoo naannoo Shaggar 27 Finfinneetti dabalee karoorfatee ture. Karoora waggaa shanii inni lammaaffaan immoo, gara Onaatti (waraadaaletti) cehee karoorfate. Karoorri waggaa shanii inni 3ffaa fi amma keessa jirruu fii dhumaa jiru kun immoo gara Zoonitti cehee, gara Onaa (waradaalee) jahaa Finfinneetti dabaalee ture. Amma lafti zoonii kana keessaa guguramee, Oromoon buqqa’ee dhumee jennaan, Maqaa “Zoonii addaa” jedhuu irraa haqanii qaama Finfinnee taasisuun, karoora waggaa shanii isa itti aanu qopheefachuuf ture. Kanaaf Karoorri waggaa shanii wayyaanee inni ittii aanuu kan karoorfamu “Zoonii Addaa” irraa gara “Kutaa addaa” jedhamaa. Kunis isa duraan “Shoe ykn Shawaa” jedhu sana gara Finfinneetti karoorsuf kan tilmaamame fakkaata. Kun eegaa adeemsa keessa mirkanaaya.

Seenaa Finfinnee/Shaggar ilaalchisee barruu “Duudhaa” jedhu irratte maxxanee dhihaatee ture keessaa hanga tokkoo akka itti aanutti gabaabsee dhiheessuu yaalame. Uummanni tokko biyya, ilmaan, qabeenya(kan uumamaa ykn kan ofii horate ),waan arge, waan dhaga’e walumaa galatti waan naannoo isaa jiruu fi jira jedhee amanu hundaaf maqaa moggaasa. Akkaataan moggaasa maqaa kun waa’ee uumatichaa waan agarsiisu qaba. Fakkeenyaaf Oromtichi tokko ilma isaatiin Galgaloo yoo jedhu waan jechuuf edate qaba. Mucichi gara galgalaa dhalachuu isaa ykn, abbichi dhala kana kan argate umrii gara dullumaa keessa ta’uu, ykn ilmi dhalate sun bara dullumaatti “abdii kiyya” jdhee yaadee ta’uu mala. Warri intala isaani Gaaddisee yoo jedhan akkuma kana waan jechuu barbaadan qabu.Gaaddisa, dawoo,abdii dhala isaaniirraa qaban muul’isuuf jedhaniiti. Orom-durii yoo waa moggaasu ergaa dabarsu qaba. Isa dhufutti waan agarsiisu waan dhaammatutu jira. Maqaa baasee ittiin ergaa dabarfata. Biyya isaa keessaa naannoo tokkoof yoo maqaa baasu akkataa faana Oromummaa agarsiisutti, haala foolii Oromoo urgaa’uunin. Fkn. maqaa Gullallee jedhamee beekamu yoo ilaalle, biyya Oromoo ta’uu agarsiisa. Faana Oromoo muul’sa. Gullallee jechuun gosa Oromoo keessaa isa tokko waan
ta’eef.
Oromoon gaafa biyya isaa dhabu waahedduu dhabe. Dhala isaa maqaa ofii barbade,kan fedhii isaa guutu, ilaalcha isaa calaqqisiisu, abdii fi hawwii isaa muul’isuun moggaasee waammachuu dhoowwame. Tasa moggasee yoo argame ilmi/intalli maqaa Oromootiin waamamu/tu ni tuffatama/mti, ni arrabsama/mti, akka ofitti qaana’an taasifamu. Dhala Oromoo fi qe’ee Oromoo maqaa geeddaran. Oromoo faana balleessuuf duula bara dheeraa fi tarsimoo addaatiin qindaa’e geggeessan. Godaannifni madaa duula kanaa muul’su har’allee ilmaan Oromoo fi qe’ee Oromoorraa hinbanne. Dhalli Oromoo maqaa Oromootiin waamamuutu miidhaga. Dacheen Oromiyaa moggasa Oromootiin waamamuutu irraa tola. Kana hunda gochuuf dhaloonni saba kanaa mirgas dirqamas niqabu. Koloneeffataan biyya humnaan qabate maqaa itti jijjiiree akka abbaan biyyaa biyya isaa dagatu gochuuf akeekkatee hojjechuun waanuma jiru. Kan dabe qajeelfachuun garuu dhimma abbaati. “Kan cunqursaan dhoksuuf yaale ifatti basuuf carraaquun dhimma yeeroon gaafatu.” Jechaa, Seenaa Finfinnee Keessaa Waan Muraasa Oromoon baruu qaba jennu Wal Barsiisuf yaalla.
Abbaa biyyummaa Oromoo hubachuu fi Finfineen kan Oromoo ta´uu shakkiin hin jiru. Kana dagachuun hardhallee borullee seeraa fi seenaan kan nama gaafachiisu ta´a. Kanaaf kana duuba Oromoon bakkoota kana qayyabatee itti dhimma bahuu(ittin waamuu) qaba.
i. Finfinneen qaama Oromiyaa akkuma taate hunda bulchinsa Oromiyaa jala turte. Ilmaan Oromoo weerara Minilikiin dura Finfinnee Bulchaa Turan kessaa akka fakkeenyaati:
Caffee Tuulamaa : kan bulchaa ture gooticha Oromoo-Tufaa Munaa.
Birbirsa fi Mana Gullallee : kan bulchaa ture -Qajeelaa Dooyyo
Teechoo/Teessoo :kan bulchaa ture -Guddataa Araddoo
Boolee: Kan bulchaa ture -Shubbuu Ejersaa
Boolee Bulbulaa: kan bulchaa ture- Soraa Lomee
Kolfee /Qaraniyoo/: bulchaa ture -Axalee Jaatanii
Daalattii kan bulchaa ture- Jamo Dabalee
Jarsaye kan bulchaa ture -Galatee Ashate
Ekkaa kan bulchaa ture- Abeebee Tufa
ii. Karra Shanan Finfinnee
Finfinneen karra ykn qarmammeettii shan qabdi ture.Shana isaaniituu maqaa maqaa ofii qabu. Isaanis :
Karra Qirxii – karaa gara kaaba geessu
Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
Karra Qaalluu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti nama geessu
Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti kan geessu
iii. Bulchiinsota duraanii keessatti akkaataa Onoota caasaa bulchiinsa
Finfinnee fi maqaleen naannolee akka armaan gadii fakkaata.
A. Ona Caffee Tumaa
Finfinnee :– Hora saawwan Gullallee fi Galaan arraabaa turan amma bakka “Filwuha” jedhamu
Hurufa Doobbii:- Bakka maqaan ammaa Jaan Meedaa, Embaasi Egypt, Hospitaala Minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatani dha.
Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kiiloo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
Dhummuugaa: – bakka amma Ginfillee jedhamu ture.
Keelloo Masqalaa- Bakka amma yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana Qiddist Maramii, fi Qiddisit Sillasee, bakka amma Baasha waldachilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
Tulluu Heexoo Diimtuu: – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taaboti Gabrelii jiruu, buufata polisaa Keessa fi bakka Baahitaa jedhamu.
Dhakaa Araaraa: – Bakka amma Fit barri, bakka poolis garaaj jedhamu, bakka amma hooteelli Sharaatan jiru, bakka Iteegee maski jedhamu, fi bakka amma hoteelli Hilton jiru.
Qarsaa:- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xiyyit bet jedhamu ammata.
Awwaaroo:- bakkuma amma Awwaaree jedhamu dha.
Hulluuqoo korma:- bakka amma bataskaanni Isxifaanos jedhamu jiru, bakka amma Masqal addababay jedhamu, fi bakka amma Raas Birruu safar jedhamu ammata.
Hora finfinnee:- bakka amma Fil wuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
Dolloo Biddeena: – bakka amma Baqloo beet, Gootaraa fi Walloo safar jedhamu
Dabbasoo: – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
Haada Amma – bakka amma Teelee Garaji, bataskaana Carqos jedhaman
B. Ona Birbirsa yaa´ii Gooroo
Waddeessa: – bakka amma piyaassaa, Charchar godaanaa, fi Araadaa Goorgis jedhamu
Maarama Birbirsaa: – bakka amma bataskaanni Gorgis jiru
C. Ona Qarsaa
Hurufa Raaree :– bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas Ganamee safar jedhamu fi Addisuu Mikaa’êl jedhamu dabalata.
Sokorruu :– Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabba midhanii (ihiil barandaa), massaalamiyaa, fi kowaas meedaa jedhamu ammata.
Sulula Garbii :– Bakka amma Taklahaymaanotii fi Cid taraa jedhamee beekamu ture,
Garbii: – bakka amma Sangaa tara fi Ambaxxaa makkalakayaa jedhamudha.
Qarsaa: – bakka amma Markaatoo, Ameerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
Baro Kormaa: – bakka amma Gollaa Mikaa´el, Raas Tasammaa safar, hospitaala Xiqur Ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
Dachee Golbaa:– bakka amma Addis katamaa jedhamu kana.
D. Ona Gullallee ykn mana Gullallee
Adaamii:- bakka amma bataskaanni Rufaa´el jedhamu jiru, Sameen mazagajaa, fi Sameen Total jedhamanii fi naannoo ishee hammata
Diddiimtuu – bakka amma Shogolee jedhamee beekamu ammata.
Qaallee:– Bakka amma Askoo jedhamu
Fiichee:– Bakka amma dahannoo Xaliyaani ykn Xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa:– ammas kattaa jedhama
Burayyuu:– Bakka amma burrayyuu, fi Gafarsa jedhamu
Harbuu Irreechaa: – bakka amma Raas Hayiluu safar jedhamu
E. Ona Abbichu
Burqaa Ejeree:– Bakka amma Inxooxxoo Kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
Baddaa Ejersaa :– Bakka amma Iyyasuus, Raas kaasaa safar jedhamu
Hurruma: – Bakka amma Imbaasiin Faransaay, Xaliyaani fi bataskaanni Abboo jedhamu jiru ammata
F. Ona xiixaa (Inxooxxoo)
Haxxee laalii:– bakka amma Shiroo meedaa fi Inxooxxoo Maaramiin jiranii fi naannoo isaa ammata
Muujjaa:– bakka amma Shiroo meedaa jiru keessattuu itti waamama.
Waayyuu: – bakka amma Qacanee Madanalam jedhamu ture
Karaa Qorxii: – bakka amma Balaay Zallaqaa mangad jedhamuu fi Samen bar jedhamu ammata.
G. Ona Ekkaa.
Burqaa Qorichaa:– Bakka amma Yakkaa Mikaa´el xabal, laga Qabbannaa, fi laga Daadhii jiran dabalata.
Karaa alloo riqicha:– Bakka amma Imbasiin Ingilizii, Imbasiin Jarmanii, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
Harbuu:– bakka amma Gurdi shoolaa jedhamu dha.
Kotabee:– Ammas Kotabee jedhama
Doqaa Booraa: – Bakka amma Hayaa hulatti maazoriyaa jedhamu dabalata
H. Ona Boolee
Garjii:– Ammas garjii dhumaan beekama
Bulbulaa:– Ammas Bulbulaa dhan beekama
Warra ganuu:– Ammas warra ganuun beekama
I. Ona Teechoo/Teessoo
Golboo:– bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), Qaallitti, Qeeraa, Goofaa jedhaman ammata.
Lumee:– bakka amma bataskaana Yooseef jiru kana dabalata Laaftoo Tumtuu – bakka ammaa Bunnaanaa boordii jedhamu ammata
Jaajaa:– bakka amma Biheere Tsiggee jedhamu ammata
Tulluu Ejersaa:– bakka amma Haannaa Maariyaam jedhamu ammata
Tulluu dheertuu – bakka amma Goofaa beetamangist jedhamu ammata
Baaboo:– bakka amma Addisuu Qeeraa jedhamu dabalata
Sammuu Gullallee:– bakka amma Meettaa darichaa jedhamu ammata
J. Ona Caffee Aannanii
Caffee Muudaa: – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
Harbuu: – Bakka amma Meksikoo, mana barnoota tagbaara’id jiru, mana adabaa Finfinnee, bakka Saar bet jedhamu, bakka Geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa Dajjaa Baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wayin xajji, bakka oomisha kookaa kollaa dabalata,
Harawaa:– bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaaccaa fabrika) jedhamu dabalata.
K.Ona Jaarsayu
Calcalli:– bakka amma Sar bet jedhamu dabalata
Mardee: – bakka amma “Arogee Awuropilan marefiya, Midir Xoor”, ganda Tolasaa, fi Raphii jedhaman ammata.
Bakkanniisa: – bakka amma Makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
L. Ona Kolfee
Daalattii:– bakka amma Qaraaniyoo jedhamee waamamu,
Labu:– bakka amma Siga meeda, Taaxaq Xor safar jedhamu ammata
Xaro :– bakka amma Axaanaa Taraa fi Faxino darash jedhamu ammata.
Wabii
Barruu “Duudhaa” jedhamuu
Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffa
Jaarsolee Tuulamaa irraa afoolaa funaaname
Barruu “mandiisuu” Gumii Oromiyaati qophaawu

No comments:

Post a Comment