Malkaa Caffee irraa* | Bitootessa 2015
Kun Maal Irraa Kan Madde? Ilaalcha Dhiphummaa Ummatichaa Irraahi.”
Abbaay Tsahaayyee (Gorsaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa)
Haaluma fakkaataadhaan Ummatni Oromoos bu’uureffamuu ABO irraa eegalee Kaayyoon ABO daandii gara Bilisummaatti isa geessu tahuu waan amaneef jaalalaa fi deggersa isaa Dhaaba kanaaf arjoomuutti jira. Dhaabotni kun lamaan (TPLF fi OLF) walumaan Ummata isaanii hiriirsanii Mootummaa Dargii kuffisuu keessatti qooda gurguddaa kennan. Oggaa Mootummaa Dargii kuffisanis walumaan Mootummaa Yeroo Cehumsaa dhaabanii haala Sirni Empaayerummaa Itoophiyaa diigamee mootummaan Ummatootaa itti hundeeffamu (haala mirgi HIREEmurteeffannaa Ummatootaa itti fiixa bahee naannichatti sirni haqaa fi dimokiraatawaan gadi dhaabbatee nageenyi waaraan mirkanaawu) irratti hojjechuu jalqabanii turan. Yeroo yaalii gabaabduu sana keessatti Dhaabotni lamaan mata mataatti Ummatoota bakka bu’anii dhufan biratti, waloodhaan ammoo Ummatoota Empaayerattii hunda biratti dhageeytii, jaalalaa fi deggersa (sadarkaa fi ayinaan isaa haa wal cacaalu ykn. buburratu malee) horatanii turan jechuun ni danda’ama.
Seenaa duubbee ifii keessatti aadaa dimokiraatawaa, kan wal-qixxummaa fi wal danda’uutiin kan hin himamne hoogganootni TPLF garuu oggaa bakka masaraa mootummaa sana gahame “tiyyaa” malee “teenyaan” akka eebichaatti itti hadhaawuu jalqabde. Kanaaf hatattamaan Dhaabota Ummata isaanii biratti dhageeytii, jaalalaa fi deggersa qaban (keessattuu ABO) of irraa fageessuuf murteeffatanii lola itti banan. Lola kanaanis miseensota ABO (keessattuu WBO) irra, akkasumas waliigala Ummata Oromoo irra miidhaa gurguddaatu Wayyaanotaan geessifame. Har’as geessifamaa jira. Akeeka barreeffama gabaabduu tanaa waan hin tahiniif garuu amma waa’ee miidhaa lola kanaa tuttuquutti hin seenu.
TPLF (Wayyaanotni) caalmaa humna waraanaa qabanii fi tumsa ofittoowwanii fi farreen dimokiraasii haqaa warra tahan irraa argataniin hoogganoota ABO of irraa fageessanii Oromiyaa (Dachii isii) humnaan toohatan illee, Ummata Oromoo qabachuu garuu gonkumaa hin dandeenye. Kun ammoo wareegama gurguddaa isaan baasisee har’as baasisaa jira. Hoogganootni TPLF hedduun ibidda dhaamsuu hin dandeenye qabsiisuu isaanii of irratti waan beekaniif, jireenyi polotikaa isaanii hirriba muka irraa itti tahee dhiphina sammuu keessa galuu mudataniiru. Garii isaaniitti haalli kun ‘brain cancer’ itti uumee yeroo malee addunyaa irraa godaansiseera. Hegereen warra lubbuudhaan jiraniis maal akka tahuuf deemu kan hin beekamnee fi yaaddessaa dha.
“Jaalalaa fi deggersa Ummata Tigiraay maaliif laaftuutti horanne? Jaalalaa fi deggersa Oromoo fi Ummatoota biroo maaliif horachuu dadhabne?” gaaffiin jettuu fi deebisaan sirriin gaaffii tanaaf argamtu silaa rakkina amma TPLF keessa jiru qofaaf osoo hin taane rakkinoota Gaanfa Afrikaa hedduudhaaf furmaata taati turte. Hoogganootni TPLF garuu gaaffii tana of gaafachuu hin barbaadan? Akka waan jaalalaa fi deggersi ummataa meeshaa saamamuu ykn. booji’amuu danda’u taheetitti qawweedhaan argachuuf tattaafatan. Sobuudhaanis tahe sossobuudhaan, ykn. doorsisuu, hidhuu fi ajjeesuudhaan jaalalaa fi deggersi barbaadamu dhabamnaan ija dhiibanii qawwee isaanii qofaan jiraachuuf murteeffatan. Adeemsa akkasiitiin ammoo, deemanii deemanii, har’aan tana rakkinni isaanii inni kaleessa Ummata qabachuu dadhabuu ture sun sadarkaan isaa guddateeUmmata of irraa qabuu dadhabuutti tarkaanfachaa jira. Jal-bultii Lamaanuu (Ummataa fi Dachiis) dhabuu.
Amanuu fi dubbachuun isaanitti haa hadhaawu malee, hoogganootni TPLF sadarkaa hamtuu har’a irra gahanii jiran kana garaan isaanii ni beeka. Kana irraa kan ka’e yeroo ammaa “Namni bishaanni nyaate hoomacha qaqqabata.” akka jedhamu hoogganootni TPLF waan qabatanii fi gadi dhiisan, waan dubbatanii fi dhiisan wallaalaniiru.
Dubbiin Abbaay Tsahaayyee (Gorsaan Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa) walgahii isaanii (Wayyaanotaa) irratti akka nama qalbii dabarsee (maraatee)tti dubbate kan dhihoo kana (Bitootessa 26, 2015) TV OMN irraan dhagahame Wayyaanotni kan isaan wal lolaa jiraniin Dhaaba ABO wajjin qofa osoo hin taane akka Sabaatti guutummaa Ummata Oromoo wajjin tahuu afaan ofiitiin kan itti mirkaneessanii dha. Abbaay Tsahaayyeen afaan ofiitiin dubbatee kan mirkaneesse:
1) “Kaayyoo (akka jecha Abbaay Tsahaayyeetti ‘Dhaadannoo’) ABO faana hiriiree kan jiru Saba Oromoo ti.”
Tuni dubbii dhugaa ti. “Dhugaan yoo afaan qaban funyaaniin dubbatti.” akka jedhamu san dubbiin tuni akka tasaatti hakaa baate malee namtichi itti yaadee ykn. akkas jechuu barbaadee kan dubbate hin fakkaattu.
2) “Deggersii fi jaalalli Sabni Oromoo ABOf qabu kun ammoo ‘Dhiphummaa Ummatichaa/Oromoo’ irraa kan madduu dha.”
Jecha isaa kanaan hoo maal haa jennu? Maraattummaa? Wallaalummaa? Tuffii Saba Oromoof qabamuu? Muddamsuu? Deebii isaa dubbistootaafin dhiisa.
Dhalli Oromoo dubbii tana dhagahu kamuu gaaffiilee murteessoo asitti aanan of gaafachuu fi deebisaa ykn. mala isaaniitis karaa isatti fakkaatee fi danda’e maraan itti barbaaduun garuu dirqama Oromummaa tahuu gadi jabeessee ibsuutu ijoo barreeffama tiyyaa ti:
1. Yoo walgahii hangana bal’aa (kan miseensota OPDO hirmaachisu) irratti hanganni dubbatame walgahii dhuunfaa isaanii (kan miseensotni TPLF qoftiin hulaa cufatanii gaggeeffatan) keessatti Oromoo ilaalchisee wanti dubbatamu, shirri xaxamuu fi murtiin irratti dabru hangam hamaa fi suukanneessaa tahinna? Malli kanaa hoo maali?
2. Wayyaaneen kan lola gaggeessaa jiru ABO ykn. Dhaabota Oromoo murtaawoo irratti osoo hin taane akkuma Sabaatti Oromummaa fi Oromoo mara irratti akka tahe dubbii Abbaay Tsahaayyee kana caalaa wanti namaaf mirkaneessu kan biraa maaltu eegama?
3. Ummata guddaa hangana gahuun “Akka nuti siin jennetti buluu diddee kaayyoo biraa jala yoo hiriirte dhiphummaatu akkana si godhaa beekkadhu?” jechuu caalaa roorroon hadhaawu maaltu jira?
4. Diina akka Sabaatti nu diinomfate kana kan durii caalaa dammaqnee fi si’oofnee (‘alerted’ taanee) akka Sabaatti gurmuu keenya jabeeffannee of irraa fonqolchuuf maal gochuu qabna? Dhaabaa fi kaayyoo qabsoo isa kam hatattamaan jabeeffachuu malle?
5. OPDO fi caasaa mootummaa Wayyaanee kan biroo keessa sababa rakkina jireenyaa fi haala adda addaatiin dirqamanii kan seenan sab-boontotni ilmaan Oromoo muraasni akka jiran beekamaa dha. Isaan akkasii sun dubbii tana dhagahaa/hordofaa jiruu? Karaa nuuf danda’ameen yaada kana malaa fi marii isii ittiin haa geenyu.
6. Ilmaan Ormoo waraanaa fi poolisa, akkasumas hidhattota gandaa Wayyaanee keessa jiran dubbii tana dhagahuu/hordofuuf carraa qabuu? Karaa nuuf danda’ameen yaada kana ittiin haa geenyu (haa dhaqqabsiisnu).
7. Aangawaan mootummaa sadarkaa Abbaay Tsahaayyee tokko dubbii fuul-hamtuu akkanaa tan of-tuulummaadhaan guutamte haala gaafatamni itti hin dhagahamne kanaan dubbachuun ummatoota biyyattii gidduutti lola hamaa ‘Civil War’ dhalchuu kan danda’uu fi akka gochaa shoororkeessummaa sadarkaa mootummaatti kan ilaalamu yakka yakkaa olii ti. Mootummootni Wayyaanee gargaaranii fi jaarmayootni gara garaa dhimmi akkanaa isaan ilaaltu dubbii akkanaa kana akka quba qabaatanii fi itti dhiheenyaan hordofan gochuun haalaan barbaachisaa dha. Balaa adeemsa TPLF kanaan dhufuuf deemu xiqqeessuufis qooda ni qabaata.
No comments:
Post a Comment