Search This Blog

Thursday, June 8, 2017

Jijjiira tartiiba Qubee Afaan Oromoo illaalchisse ibsa ADO

Kufuu fi masheennuu sirna barnoota TPLF-EPRDFiif Qubeen Afaan Oromoo itti hin gaafatamu!
Jijjiira tartiiba Qubee Afaan Oromoo illaalchisse ibsa ADO
Duulli dhoksaadhaan sirnaa fi tartiiba qubee afaan Oromoo walumaagalatti sabboonummaa Oromummaa kolaasuu fi suuta suuta Qubee Afaan Oromoo haqanii Qubee Sabaan (Ge’ez) bakka buusuuf godhamu dhiyeenya kana saaxilamuun ifaadha. Shiri «Ijoolleen Oromoo Qubee Afaan Oromootiin (Latin) baratan dubbisu waan dadhabaniif qorannoon godhamee maddi rakkoo kanaa tartiiba Qubee Afaan Oromooti jedhamee ABCn gara LAGMtti jijjiiramuun isaa heddu waan nama gaddisiisuu fi nama qaanessuu jenna. Qorannoo godhame jedhamuu fi rakkoo dubbisuu dadhabuu barattoota Oromoo jidduu hariiroon bifa kamiiyyuu akka hinjirre qormaanni jeedhame kun wanni akeeku tokkolleen hin jiru.
Dadhabbiin jedhamu kun maddi isaa tartiiba Qubee Afaan Oromooti jedhanii tartiiba Qubee Afaan Oromoo jijjiiruuf yaaluun akeeka dhokataa fi shira golgame akka qabu ADOn hubatee jira. Erga Qubeen Afaan Oromoo ragga’ee maneen barmoota Oromiyaatti eegale irraa jalqabee sababii fi golgaa adda addaatiin Qubee kana balleessuuf duulli walirraa hincitne godhamaa turuun isaa dagatamuu hinqabu. Duulli amma bifa haarawaan jalqabe kun waan haarawa osoo hintayin itti-fufa duula baroota dheerraaf Aadaa, Afaan, Amantii, Duudhaa Oromoo fi walumaagalatti sabboonummaa Oromummaa dhabamsiisuuf godhamuun ta’uun isaa hubatamuu qaba.
Seenaa, adeemsaa fi dagaaginni Qubee Afaan Oromoo seenaa fi dagaagina Qubee Latin wajjiin walitti hidhataadha. Sirnaa fi tartiibni Qubee Latinii ammoo sirna idilee addunyaa guutuu ammatuu fi ittiin hijjatamu osoo ta’ee jiru, sirna kana Itoophiyaa-Oromiyaa qofaa keessatti tartiiba isaa jijjiiruuf yaaluun akeeka dhokataa qubee afaan Oromoo dhabamsiisanii Dubee warra Semetikiin bakka buusuuf godhamu ta’uu isaa qorannoo godhame jedhamu keessatti «Ijoolleen qubee Latinitiin yookin Qubee Ge’eziitiin yoo baratan daddafanii dubbisuu danda’u? gaafiin jedhu hundee qoraamata kanaa ta’uun isaa shira xaxamaa jiru caararreesa. Seenaa fi adeemsa Qubee Latinii keessatti tartiibni «LAGM» jedhamu kun tartiiba ABC wajjiin waldorgomee kufuu isaa seenaa ogummaa barnootaa afaanii(linguistics) ragaa baha.Tartiibni LAGM hundeen isaa afaan Semetika kaabaa (Northern Semetic order) biyya Syria duraanii) keessaa madduu isaa seenaan afaanota addunyaa ni mirkaneessa. Qormaata godhame jedhamu keessatti qubeen «L» barreeffama keessatti si’a heddu deddeebi’ee dhufa (frequency count) irraa caalaa qaba jedhamee dhiyaate Afaan Tigree fi Afaan Amaaraa keessatti yoo ta’ee malee afaan hundee Kushitika irraa maddan keessatti kan (freequency count) olaanaa qabu ABC akka ta’ee qorannoon waggoota kumootaaf godhamee ni mirkaneessa. Addunyaanis qorannoo kanarratti hundaayee tartiiba ABC fudhachuun ragaa gudaadha. ABCn afaan kamuu keessatti barachuu fi dubbisuuf salphaadha jedhame qorannoon ragga’ee ummanni addunyaa irra caalaan sirnaa fi tartiiba kanaan hojjataa jira.
Waan hundumaa caalaa kan nama gaddisiisu osoo oggeeyyotaa fi ummanni Oromoo irraatti mariyatee rakkina jiru hin hubatin hannaa fi dhoksaan tariibaa fi karriikulama haga ammaa jiru jijjiiruun shakkii shira dhokataatu duuba jira jedhu daranuu gadi jabeessa!
Afaan Oromoo afaan dubbii irraa gara afaan barreeffamaatti jijjiiruuf shorri ABCn gumaache hiriyaa hin qabu. Qubee Afaan Oromoo maddisiisanii Afaan Oromoo gara barreefamaatti jijjiiruuf wareegama qaqqaaliin kafalamee jira. Ijoolleen Oromoo sirnaa fi tartiibni Qubee Afaan Oromootiin barachuun sabboonummaaa Oromummaa dhabamarraa hanmbisuu qofaa osoo hintayin mallattoo cancala gabrummaa kan ta’ee qubee imaammata afaan tokkicha qofaa dirqiin barachuu cabsee jira. Afaan Oromoo sirna afaanota addunyaa keessa seenee jira. Sirnaa fi tartiibni Qubee Afaan Oromoo sirnaa fi tartiibaa Qubee Latinii keessa seenuun Oromoon ogummaa fi qaroomina baraa akka qabaatu godhee jira.
Sirnaa fi tartiibni qubee afaan Oromoo qabeenya ummata Oromootii fi dhaloota haarawaa ta’ee jira. Qabeenyaa ummata Oromootii fi dhaloota haarawaa akka qabeenya dhuunfaatti lakkaawatanii yeroo barbaadan akka barbaadanitti laaquu fi jijjiiruun yakka hiriyaa hinqabne jenne amana. Sirnaa fi tartiiba Qubee Afaan Oromoo jallisuuf yookin jijjiiruuf yaaliin godhamu hegeree fi jireenya dhaloota qubee (qubee generation ) gaafii jal galchuudha jenne amana.
Kanaafuu ADOn shira sirnaa fi tartiiba Qubee Afaan Oromoo jijjiiruuf godhamu kana ummanni Oromoo akkuma kaleessa shiroota biroo doomsuuf gurmuu tokkoon dura dhaabbate, ammallee murannoon shira kana fashalsiisuuf gurmuu tokkoon akka dhaabbatu waamicha sabummaa goona!

Mootummaa Wayyaaneetii fi Qondaalonni OPDO shira kan hatattamaan dhaabanii shaffisaan qubee fi tartiibni Afaan Oromoo bakkatti deebi’uu isaa akka ummata Oromootiif ibsan akeekkachiifna!
Sirnaa fi tartiiba Qubee Afaan Oromoo murtii ummata Oromootiin alatti jijjiiruun yakka gudaadha!
WAXABAJII 7, 2017
KOREE HUJII RAAWACHIIFTUU ADDA DEMOKRATAWAA OROMOO (ADO)

No comments:

Post a Comment