Search This Blog

Tuesday, July 11, 2017

Cabiinsa Halagaa Dura Ilmaan Oromoo Finfinnee Bulchaa Turan

1. Caffee Tuulamaa kan bulchaa ture gooticha Oromoo Tufaa Munaa
2. Birbirsaa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo
3. Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo
4. Boolee kan bulchaa ture Shubu Ejersaa
5. Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee
6. Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii
7. Daalattii/Qaraaniyoo kan bulchaa ture Jamo Dabalee
8. Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate
9. Eekkaa/Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa

Karra Shanan Finfinnee
1. Karra Qirxi – karra gara Kaabaa geessu
2. Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
3. Karra Allo- karaa Walloo/Daseetti geessu
4. Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti geessu
5. Karra Gafarsaa- Gara Dhiyaatti kan geessu

Bulchiinsta duraanii keessatti akkaataa onoonni wal qoodan akka armaan gadiiti.

a. Ona Caffee Tumaa

1. Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu ssana.
2. Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt , Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
3. Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
4. Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
5. Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
6. Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
7. Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
8. Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
9. Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
10. Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
11. Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
12. Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
13. Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
14. Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.

b. Ona Birbirsa Yaa´i Goroo
1. Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
2. Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru

c. Ona Qarsaa
1. Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
2. Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
3. Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
4. Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
5. Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
6. Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
7. Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana

d. Ona Gullallee ykn Mana Gullallee
1. Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
2. Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
3. Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
4. Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
5. Kattaa – ammas kattaa jedhaama
6. Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
7. Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu

e. Ona Abbichu
1. Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
2. Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
3. Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata

f. Ona Xiixaa (enxooxxoo)
1. Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
2. Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
3. Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
4. Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.

g. Ona Ekkaa.

1. Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
2. Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
3. Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
4. Kotabee – Ammas kotabee jedhama
5. Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata

h. Ona Boolee
1. Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
2. Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
3. Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama

i. Ona Teechoo
1. Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
2. Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
3. Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
4. Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
5. Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
6. Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
7. Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
8. Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata

j. Ona Caffee Annanii
1. Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
2. Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
3. Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.

k. Ona Jaarsayu
1. calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
2. Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
3. Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.


l. Ona Kolfee
1. Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
2. Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
3. Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu ammata.

No comments:

Post a Comment