Search This Blog

Saturday, April 15, 2023

10 የኦሮሞ ነፃነት ግንባር አመራሮች በኦሮሞነታችን አንደራደርም በማለት በሽንጋ በአንድ ላይ የተሰዉበት የኦሮሞ ጀግኖች ቀን /𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐚𝐫𝐞𝐞𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐄𝐛𝐥𝐚 𝟏𝟓 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨

 10 የኦሮሞ ነፃነት ግንባር አመራሮች በኦሮሞነታችን አንደራደርም በማለት በሽንጋ በአንድ ላይ የተሰዉበት የኦሮሞ ጀግኖች ቀን በመከበር ላይ ይገኛል።


ይህን መሰረት በማድረግ ለኦሮሞ ህዝብ ነፃነት በትግል ላይ የተሰው የኦሮሞ ጀግኖች ቀን በየአመቱ ሚያዝያ 15 በተለያዩ ስነስርአቶች ይከበራል።
10 የኦሮሞ ነፃነት ግንባር ከፍተኛ አመራሮች ሚያዚያ 15 ቀን 1980 ወደ ሶማሊያ ዋና ከተማ ሞቃዲሾ ጉዞ ላይ ነበሩ።
ነገር ግን ለመድረስ ከቀዱበት ሳይደርሱ ‘’ሽንጋ’’ የተባለ ቦታ ሲደርሱ ድንገት የሶማሊያ ታጣቂዎች ሁሉንም የኦነግ አመራሮች አገቷቸው።
ታጣቂዎቹ አመራሮቹን በሀይማኖት ለያይተው ለመግደል ውሳኔ ላይ ደርሰው ‘’ሙስሊም የሆነ በቀኝ ይቁም ሌላ ሀይማኖት የሆነ ደግሞ በግራ በኩል ይቁም’’ ብለው ትዕዛዝ ሰጡ።
በታጣቂዎቹ ከታገቱት የኦነግ አመራሮች ውስጥ ግማሹ ሙስሊም ሲሆን ከፊሉ ደግሞ ክርስቲያኖች ነበሩ።
ታዲያ ትእዛዙ ምንም ያልመሳላቸው እነዚህ አስሩ የኦነግ አመራሮች በአንድ ድምፅ ‘’እኛ ከቤት የወጣነው በኦሮሞነታችን እንጂ በሀይማኖታችን አይደለም’’ በማለት በጋራ ያላቸውን ጽኑ አቋም ለታጣቂዎቹ አስረዱ።
‘’ከኖርንም አንድ ላይ ከሞትንም አንድ ላይ’’ ብለው ተናገሩ።
በአላማቸው ሳይደራደሩ የጠላትንም ጥይት ሳይፈሩ አስሩም የኦነግ ከፍተኛ አመራሮች እንዲረሸኑ ከተደረገ በኋላ በአንድ ጉድጓድ በሽንጋ መሬት ተቀበሩ።
በወቅቱ በሽንጋ ከተገደሉት የኦነግ ከፍተኛ አመራሮች መካከል መገርሳ በሪ፣ ገዳ ገመዳ፣ ይገዙ በንቲ፣ አቦማ ምትኩ፣ ፋፈም ዶዮ እና ሙሄ አብዶ ይገኙበታል።
ይህን መሰረት በማድረግ በ1984 በምስራቅ ግንባር የነበረው የኦነግ ማእከላዊ ኮሚቴ ሚያዚያ 15 የኦሮሞ ጀግኖች ቀን ተብሎ እንዲሰየም ውሳኔ ሰጠ።
ዉሳኔው የተደረገው በተለያዩ ጊዜያት የተሰው የኦሮሞ ጀግኖችን ለየብቻ መዘከሩ በቂ ስላል ሆነ፣ ሁሉንም ሰማእታት በአንድ ላይ ለማስታወስና ለመዘከር ያለመ ነው ሲሉ የቀድሞ የኦነግ መራር አቶ ገላሳ ድልቦ በህይወት እያሉ ከኦ ኤም ኤን ጋር በነበራቸው ቆይታ ተናግረው ነበር።
ከ1985 ጀምሮ ቀኑ በመላው የኦሮሞ ህዝብ ዘንድ ለኦሮሞ ህዝብ ነፃነት በትግል ላይ የተሰው የኦሮሞ ጀግኖች ማስታወሻ ሆኖ መዘከር ከተጀመረ እነሆ ዛሬ 48ኛ አመቱን ይዟል።
በወቅቱ የአመራሮቹ መሰዋት በድርጅቱ ላይ ከፍተኛ ጫናን አሳድሮ እንደነበር አቶ ገላሳ በህይወት በነበሩበት ወቅት ተናግረዋል።
በጊዜው በግንባሩ የነበርነው ሰዎች ሁለት አማራጮች ነበሩን የሉት አቶ ገላሳ፣ አንድ የተከፈለውን መስዋእት ረስቶ ትግሉን መተው ሲሆን ሁለተኛው ደግሞ በአቋማችን ጸንተን ህልማችንን ማሳካትና ትግሉን ማጠናከር ነበር ሲሉ በአንድ ወቅት ተናግረው ነበር።
የኦሮሞ ጀግኖች ቀን ለመጀመሪያ ጊዜ በግልጽ በሀገር ውስጥ የተከበረው በ2019 በአምቦ ከተማ ሲሆን፣ በቀጣዎቹ አማታት ግን በአደባባይ ዳግም አልተከበረም።
ይሁን እንጅ ሰዎች በግልና በጋራ በመሆን በተለያዩ ቦታዎች ሻማ በማብራትና በሌሎች ስነስረቶች በቀኑ ሰማእታቱን ይዘክራሉ።
///
𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐚𝐫𝐞𝐞𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐄𝐛𝐥𝐚 𝟏𝟓 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 (𝐀𝐁𝐎)

Hunda dura baga guyyaa ulfaataa fi kabajamaa kanaan hunda keenya gahe!
Ummanni Oromoo weeraraa fi bittaa sirna alagaa jalatti erga kufe irraa eegalee hanga qabsoo bilisummaa har'aatti biyya isaa Oromiyaa fi mirga aadaa, afaan, duudhaa fi eenyummaa isaatiif aarsaa qaqqaalii kaffalaa as gahe. Sirna koloneeffataa bittoota Itophiyaa of irraa ittisuuf qabsoo taasiseen wareegama lubbuu himanii fixuun hin danda'amne baaseera.
Qabsoon sirna kolonii of irraa kaasuuf godhamu takkaa illee hin dhaabbanne. Bifa gurmaa'ee fi hin gurmoofneen Oromoon sirna alagaa of irraa kaasuuf qabsoo geggeessaa ture. Kana keessatti qabsoon Qonnaan bultoota Baalee, kan Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hoogganamu, Hawwisoon Afran Qalloo, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa fi Warraaqsi Barattootaa qabsoo hanga tokko gurmaa'iinsa qabuu fi hundeeffama dhaaba qabsoo Oromoo jalqabaa ABOtiif kanneen wixinee bu'uuraa dhiigaan baarreessanii dha.
Waldaalee fi gurmuu qabsoo kanneen keessatti gootonni ilmaan Oromoo hedduun tooftaalee adda addaatiin qabsoo hadhaawaa geggeessanii diina rom'isiisanii aarsaa lubbuu kaffalaniiru. Oromoon Bahaa fi Dhihaa, Kaabaa fi Kibba akkasumas Giddu-galeessa irraa walitti dhufuun dhaaba tokkicha ABO jalatti, sagantaa siyaasaa baafachuun akeekaa fi kaayyoo tokko jala hiriiranii qabsoo qindaawaa geggeessuun wareegamoota gama hundaan injifannoolee boonsoo galmeessaniiru.
Bu'aa bayii qabsoo bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf godhamu keessatti qabsaawonni qaqqaaliin kufanii qabsoo fuul-duratti tarkaanfachiisaa turaniiru. Goototni hedduun maqaa isaanii waamanii fixuun hin danda'amne Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan durfamu keessatti xurree qabsoo dhiigaan tattaraaranii dabraniiru. Hoogganoota dhaabichaa irraa hanga miseensotaa fi deeggartootaatti, seenaa boonsaa hojjetanii kanneen saba isaanii bilisummaa gonfachiisuuf lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne kennan kumaa fi kitila dha. Kunneen hundi akka urjiitti galmee seenaa keessaa ifaa jiraatu. Barabaraanis dhalootaan yaadatamu.
Ebli 15 guyyaa Gootota Oromoo tahee akka yaadatamu ABOn wayta murteessetti, miseensota dhaabaa wareegaman ittiin yaadatuu herreguun qofa hin turre. Ilmaan Oromoo kanneen ummata Oromoo gabroomfatuuf itti duulan osoo ittisanii kufan, roorroo fi hacuuccaan itti hammaatuu fi jabaatuu irraa sirna bittaa alagaa matayyaanis tahe gareen osoo lolanii kanneen lubbuu isaanii kennan, kanneen gabrummaan booda, bakkoota adda addaatti ummata Oromoo irraa waanjoo gabrummaa kaasuun akka sabaatti mirgi qabu kabajameefii jiraatuu qabaatti amanuun sirna gabroonfataa irratti osoo qabsa’anii wareegaman cufti akka ittiin yaadatamaniif Ebli 15 guyyaa goototaa tahee akka yaadatamu murteesse. Kanaaf, ilmaan Oromoo mirga Oromoof osoo falmanii bakkootaa fi haalota garagaraan wareegaman hundi guyyaa kana yaadatamu.
Guyyaa kana gootota mirga saba isaanii fi biyya isaaniif falmanii kufan hunda bakka tokkotti yaadachuuf yoo ta’us, addatti guyyaa kana irra, Hayyu Duree dhaabichaa Jaal Magarsaa Barii dabalatee hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo kudhan (10) bara 1980 gammoojjii Somaaliyaa keessatti, bakka Shinniigaa jedhamutti haala suukanneessaa taheen shiftootaan ajjeefamanii bool’a tokkotti awwaalaman yaadachuudhaan kaayyoo fi akeeka isaan itti wareegaman galmaan gahuuf irbuun kan itti haaromsatamuu dha. Hoogganootni kunneen siidaa tokkummaa lafee isaaniitiin jabeessanii gad-dhaabanii dabran. Oromummaaf jedhanii, kaayyoo manaa bahaniif wareegaman. Haalli kun tokkummaa Oromoo itichee, ulee diinni ittiin Oromoo addaan qoqqoodee bara baraan bituu yaadu cabseera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ebilli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ta’uu murteessee erga labsee guyyaan kun mooraa qabsoo Oromoo keessatti, caasaa ABO, sab-boontota Oromoo biyyoota alaa fi ollaa keessa jiraataniin akkasumas biyya keessatti dhoksaan caasaalee dhaabaan kabajamaa ture. Har’a guutuu Oromiyaa keessatti qabsaawota, sab-boontotaa fi waliigalatti ummata Oromoon yaadatamee oola.
Har’a wayta guyyaa Gootota Oromoo kabajannu kanatti haalli keessa jirru ulfaataa fi walxaxaa, dhiibbaa fi shirri kan itti heddummaate, danqaaleen ABOtti kan itti heddummeeffaman, bara ajjechaa, hidhaa fi buqqaatiin qe’ee Oromootti hammaatuun, kumoota dhibbaan qe’ee ofii irraa itti buqqa’ee dha. Qabsaawotni Oromoo, barattootnii fi sab-boontotni Oromoo sirna cunqursaa TPLF/EPRDF of irraa kaasuuf wareegama lubbuu olaanaa kafalanis, sirni maqaa jijjiirratee aangootti ol ba’e PPnis ulee sirna cunqursaa itti fufee dhumaatii fi roorroo irra hammaataa Oromoo irraan ga’aa jira.
Har’a illee kaayyoo kanaaf wareegama gugurdaatu kafalamaa jira. Ilmaan Oromoo hedduun qabsoo bilisummaatiif qaamaa hir'atanii, hedduunis maatii fi qabeenya isaanii itti dhabaa jiru. Hogganootaa fi qondaaloti ABO kan keessatti argaman miseensotnii fi sab-boontotni Oromoo kumootaan lakka’aman manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa jiru. Ebla 15 guyyaa Goototaa wayta kabajannu isaan kanas yaadataa, kaayyoo goototni wareegamtootni Oromoo Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Oromoo deebisuuf, mirga Oromoo kabajsiisuuf osoo falmanii kufan galiin ga’uuf qabsaawotni, miseensotnii fi deggertootni dhaaba keenya ABO rakkoo yeroof osoo hin jilbeenfatin jabaatanii hojii qabsoo akka itti fufan dhaamna.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo sadarkaa har’a dhaqqabe kana gahuu kan danda’e dhiigni Gootota keenyaa baroota dheeraaf itti dhangala’ee, lafeen isaanii itti caccabee, lubbuun jijjiirraa hin qabne kumaa-kitilaan itti wareegamee ti. Qabsoo sadarkaa murteessaa irra gahe kana murannoo fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan daran finiinsanii galii isaatiin gahuudhaan Wareegama Gootota keenyaatti firii gochuu fi Gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuun dirqama sab-boontotaa fi qabsaawota ilmaan Oromoo hundaa tahuu ammas jabeessinee wal hubachiisna.
Maayii irratti, Kaayyoo fi akeekni qabsoo Gootowwan keenya wareegamaniif Ummatni Oromoo Bilisummaa fi Walabummaa akka Sabaatti qabaachuun isaaf male qabsoo isaatiin akka gonfatuufi. Kun mirga isaa ti. Sabni keenya mirga Sabummaa isaa ol’aanaa kana yoo harkatti galfate malee hacuuccaa fi rakkina siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa jaarraa tokkoo fi walakkaaf irratti fe’amee jiru kana jalaa bahuuf wabii hin qabu. Waan taheef, ilmaan Oromoo Gaaffii haqaa Saba Oromoo kan Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaatti amanan hundi galma gahiinsa Qabsoo Biisummaa Oromoo dhugoomsinee wareegama Gootota keenyaatti firii gochuudhaan gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuuf bakka jirru hundaa qabsoo haa finiinsinuun dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo ti.
Ebli 15 guyyaan yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo bara baraan yaadatama!
Kabajaa fi Ulfinni Wareegamtoota keenyaaf haa ta’u!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 2023

No comments:

Post a Comment