Search This Blog

Sunday, December 17, 2023

Gocha Suukanneessaa Ummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiruuf Kan Itti Gaafatamu Mootummaa PP Dr.Abiyyii Ahmadiin Durfamuu Dha.

 Gocha Suukanneessaa Ummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiruuf Kan Itti Gaafatamu Mootummaa PP Dr.Abiyyii Ahmadiin Durfamuu Dha.


Mootummaan PP yakka namoomaa itti fufiinsaan ummata nagaa meesha maleeyyii irratti raawataa turee fi jiruuf gafatama seeraa fi seenaa jalaa hin bahu. Ummata nagahaa jumlaan ajjeesuun, mana waliin gubuu fi ilmaan ummataa humnaan qabuun waraana hin feesifnetti naquun aangoon siyaasaa dheereffatamu hin jiraatu.
“Qurxummii bishaan keessaa bal’eessuuf galaana gosuu” dhaadannoo jedhuun waraana hin xumuramnetti xumura gochuuf ummata nagaa fi meesha maleeyyii lafa irraa duguuguu hojii guyya guyyaa godhatee itti fufeera. Hojii faashistummaa fi diinummaa ummata nagaa irratti raawwatnaan bishaan gogus, qurxummiin dhabamus hin jiru.
Badii ummata qulqulluu irraan gahaa jiraniif Biltsiginnaan gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin ba’u. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n hojii faashistummaa waraanni mootummaa Dr.Abiy ummata meesha-maleeyyii irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.
Maqaa WBO waliin hidhata qabdan jechuun lolli mootummaan Dr.Abiyyii Ahimad waggoota shanan darbaniif goleelee Oromiyaa cufa keessatti ummata Oromoo irratti banan daran jabaatee itti fufuu isaa gabaasaalee guyyuu nu dhaqqaban irraa mirkaneeffanneerra.
Akka kanaan, Giddu-gala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Abuunaa Gindabarat gandoota hedduu keessatti waraanni mootummaa PP ummata nagahaa irraatti ajjeechaa jumlaa raawwateera. Muddee 10 fi 11, 2023 Ona Abuunaa Gindabaratitti gandeen Irjaajjoo, Caffee Erer fi Finnootti waraanni mootummaa, ummata nagaa magaalaa walakkaatti rasaasa itti roobsuun namoota 8 yoo ajjeesan, 3 ammoo madeessaniiru. Kanneen ajjeefaman kunniinis:
1) Obbo Guutaa Baay’isaa - nama dhukkubsataa sammuun fayyaa hin taane
2) Obbo Tasfaayee Guddataa - umurii 56,
3) Hirkoo Hombossaa - umurii 56
4) Fufaa Goobanaa - umurii 60
5) Taammanaa Raggaasaa - umurii 47
6) Abarraa Dirribaa - umurii 52,
7) Guutaa Galmeessaa - umurii 42 yoo ta’an, namootni 4 eenyummaan reeffa isaanii hin baramin kanneen biroos keessatti argamu.
Immushee Kabbee umurii 16, dubree Baatuu fi Asaffaa Tarfaasaa umuriin 45 kanneen madaa’an keessatti argamu.
Muddee 12, 2023ttis Agamsa bakka Qorqobbee jedhamutti osoo bulchiinsi mootummaa jiruu ummanni nagaan hidhattoota Faannoo sirnichi gadhaabeen jumlaan ajjeefamaniiru. Dargaggoonni Oromoo Agaamsaa irraa konkolaataa Sinootiraakii tokkoon miidhaan gahe sassaabuuf gara Goojjam Lixaa imalan Mormor gamatti bakka Qorqobbee (Dhagaa walbaata) jedhamutti namoonni 13 ol ajjeefamaniiru. Abdallaa Waaqjiraa, Maatiyoos Nugusaa fi Shuumatee Maammoo kan jedhaman keessatti argaman.
Sadaasa 25, 2023 ajjechaan jumlaa Lixa Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Gidaamiitti waraanni mootummaa Biltsiginnaa ilmaan Oromoo 9 mana amantaa Makaana Yesuus keessaa fuudhuun ganda baadiyyaa Maleekkoo jedhamutti ajjeesaniiru. Isaanis:
1) Taliilaa Lammeessaa,
2) Tolinaa Lammeessaa,
3) Tammiraat Lammeessaa,
4) Jireenyaa Dingaataa,
5) Solomoon Dingaataa,
6) Qabbanaa Bulchaa,
7) Siraaj,
8)Hiikaa Ayyaanaa fi
9) Geetaachoo Beekkataa kannen jedhamanii dha.
Sadaasa 24 fi 25, 2023 Kibba-baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Sirkaa gandoota Waajii Raphasaa, Biduu Baalaa, Heellaa Amajaa, Heellaa Xareetaa, Gallabee Amajaa, Macarraa, Sojjii Saadee, Gallabee Hulul fi kanneen birootti haleellaa ummata nagahaa irratti taheen, maatii mana tokkoo kan ijoolleen xixinnoon keessatti argaman dabalatee lubbuun ummata 50 olii galaafatamuu fi manneen hedduun gubachuu mirkanaa’eera. Kanneen ajjeefaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe:
1) Usmaan Daawud,
2) Ibraahim Haaji Issaa,
3) Sheek Awwal Mohaammad,
4) Qaasim Ahmad,
5) Fattash Aloo kanneen jedhaman keessatti argamu.
Sadaasa 25, 2023 magaalaa Dambi Doollootti waraanni PP dhukaasa ummata nagahaa irratti bananiin lubbuu namoota hedduu galaafataniiru. Kanneen lubbuun dabarte keessaa kan maqaan nu dhaqqabe:
1) Lalisee Dibaabaa - ganda Sayyoo Minkoo,
2) Lalisee kennaa - Danbi Doolloo gan da 05,
3) Hundattuu Heenok – Dambi Doolloo ganda 04 ,
4) Meskeram Yohannis Danbi Doolloo ganda 05 keessatti argamu.
Sadaasa 24, 2023 Godina Gujii Lixaa Ona Galaanaa ganda Giwwee baadiyaatti ilmaan Oromoo ja’a (6) haala suukanneessaan ajjeefamaniiru. Kanneen Ajjeefaman:
1) Maanguddoo Badhaanee Lolee - umriin 60,
2) Nugusee Gannaalee - umriin 38,
3) Bushaa Ataraa - umriin 35,
4) Halakee Hoxxeessaa - umriin 35,
5) Chuuchuu Areerii – umriin 26,
6) Taarikuu Miiraa - umriin 24 keessatti argamu.
Sadaasa 23, 2023 Kibba Lixa Oromiyaa Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa mana barumsaa Odaa Kanniisaa jedhamu irratti haleellaa xayyaara nam-maleessaa (drone) raawwateen barattoota dabalatee ilmaan Oromoo 52 ol ta’an ajjeesan.
Godina Wallagga Bahaa Ona Haroo Limmuu ganda Sankooraatti dhuma baatii Sadaasaa darbe keessa waraanni mootummaa qonnaan bultoota kan ta'an namoota saddeet gara jabinaan iddoo tokkotti ajjeesaniiru. Kanneen ajjeefaman:
1) Dirribaa Waqgaarii,
2) Addisuu Walee,
3) Dojaa Ayyalaa,
4) Roobaa Dassaalee,
5) Ibrahim Ahmadii fi
6) Obbo Magarsaa kanneen jedhaman keessatti argamu.
Tibbuma kana qofa waraanni mootummaa PP tarkaanfii suukaneessaa ummata nagahaa irratti fudhateen, Kibba Baha Oromiyaa Gidina Baaleetti manneen 109, Arsii Lixaa Ona Gadab Hasaasaa ganda Hulluuqqoo gooxii Asaabalee jedhamutti gaafa Muddee 5, 2023 manneen ummataa lakkoofsaa 7 tahu gubaniiru. Arsii Lixaa Ona Qoreettis gaafa Muddee 7, 2023 manneen 11 gubaniiru. Godina Arsii Lixaa Ona Adabaatti manneen 8, Ona Gadab Hasaasaa Ganda Coofira Shaasheetti manneen 7, Godina Arsii Bahaatti manneen 14 ol gubaniiru. Akka walii galaatti tibba kana qofa keessaa Godina Kibba Bahaatti manneen ummataa 156 ol waraana mootummaa PPn gubachuu caasaa keenya irraa mirkaneeffanneerra.
Wal yaadachiisuuf, Hagayya 7, 8, 10 fi 11, 2023 Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Onoota Amboo, Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobii fi Gindabaratitti walduraa duubaan yakka suukanneessaa ummata nagahaa irratti raawwatan. Fulbaana 08, 2023 Lixa Oromiyaatti dargaggoo Tamasgeen Dhinaa jedhamu ajjeesuun gatan. Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa fi naannootti Fulbaana 13, 14 fi 15, 2023 tarkaanfii suukanneessaa ummata nagahaa irratti fudhataniin ajjechaa raawwataniiru.
Godina Kaaba Shawaa Ona Warra Jaarsoo gandoota Migiroo Baddeessaa fi Gitoo Milkii jedhamanitti Onkoloolessa 14, 2023 maqaa deggertoota WBO jedhuun namoota nagaa 20 ajjeesan.
Giddu-gala Oromiyaa Godina Lixa Shawaa Ona Jalduu ganda Kibeetti Onkoloolessa 15, 2023 sababa tokkoon ala ummata nagahaa irratti rasaasa roobsuun namoota 20 ol bakka tokkotti fixuu ABOn ibsa Onkoloolessa 18, 2023 baaseen ifoomsuun ni yaadatama.
Mootummaan Dr.Abiyii Ahimad yakka namoomaa fi ajjeechaa jumlaa itti fufiinsaan ummata nagahaa irratti raawwataa turee fi jiruuf gaafatama jalaa hin bahu.
Dhaamsa maayiin, hiraarsaa fi hararaafama itti fufiinsaan mootummaan PP ummata keenya irratti raawataa jiruuf, ummanni Oromoo bal’aan, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni, ummatoonni biyya kanaa dinne didaan dura dhaabbachuu qabu jenna. Hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman mootummaa Dr.Abiy Ahmadiin durfamu dhiigaa ummataa soorataa jiruu fi kanaanis aangoo siyaasaa dheereffachuuf abjootu kana gocha isaa irraa akka dhaabbatuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waamicha taasisa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee , 2023
Finfinnee

No comments:

Post a Comment