Search This Blog

Saturday, August 9, 2014

Isa tokkoof shororkeessaa; isa biraaf falmataa bilisummaa yoo ta’u (When one man’s terrorist becomes another man’s freedom fighter.)

Hawwi Caalaa | Hagayyaa 6, 2014
Jijjirama adduunyaa keenya kanaan walqabatee jijjirama jechootaa ( terminology ) na ajaa’ibsisu keessaa inni tokko jecha “ terrorism “ jedhu dha. Yeroo tokko tokko hiika isaatiif namoonni ykn dhaabni “terrorist (shororkeessaa)” jedhamanii waamaman waliin waan hin madaalleef, jechi kuni baayyee na dinqisisa. Hiikaan waliigalaa jecha kanaaf ta`u waan hin jiraanneef, hundi akka fedhi ofitti fi akka itti tolutti yeroo fayyadamu ilaalla. Namoonni ykn dhaabonni bilisuummaa saba tokkof falmatan ummata falmatan sanaaf akka goota ykn hogganaa isaanitti yeroo ilaallaman , mootuummaa biyya sana bulchu biratti immoo akka shororkeessaatti ilaallamu.Asi irratti kan hubatamuu qabu shororkeessaa dhugaan hin jiru jechuu koo miti. Namoota qulqulluu fi nagaa ta’an lafaa ka’aanii kan ajjeesan adduunyaa keenya kana keessatti hedduuminaan argamu. Kana kan ragaa nuuf bahu oduu guyyaa guyyaan agarru fi dhaggeeffannu dha.
Akka ilaalcha kotti balaa shororkeessummaa biyya Ameerikaatti bara 2001 (9/11) mudate booda ilaalchi ummanni adduunyaa jecha shororkeessummaa(terrorism) dhaaf qabu hedduu waan jijjirame natti fakkaata. Balaa kanaan wal qabatee, “terrorist “ kan jedhaman hundi ija tokkon akka ilaalaman godheera. Sabaahimaaleen(Media) adduunyaa gugguddoon, gochaa kana bal`inaan waan gabaasaniif ummanni adduunya namoota kana, akka waan dhala namaa hin taane fi akka laphee mararfataa namaaf hin qabne akka bofa nama hidduutti sammuu keenya keessatti awwaalaniiru.
Dhuguma dubbachuuf karaa tokkon isaanis dhugaa qabu. Kanneen namoota nagaa ajjeesan, namoota waa bitachuuf (shopping) ykn bashannanuuf manaa ba’aan kan karaatti hambisan mararfannaa namaaf waan hin qabneef isaan kun dhugumatti shoroorkeessitoota dha. Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta`u balaa biyya Ameerikaatti mudate(2001),balaa biyya Keeniyaa gamoo daldalaa 2013 (shopping mall) keessatti dhaqabe, balaa biyya Yugaandaa bara 2010 namoota kubbaa milaa hordofan irratti raawwatame,balaa yeroo garagaraatti biyya Naayjeeriyaa keessatti dhaaba Bokkuu Haaraamitin raawwatamu fi kkf.
Waan baayyee na gaddisisu yoo jiraate garuu gotoota bilisummaa saba isaanitif falmatanii fi wareegaman jaroota kana waliin ija tokkon ilaalamuu fi maqaa tokkoon waamamuu isaaniti. Jeecha biraatin kanisnif tisiisni tokko jeechu fakkaata. Kun immoo dhugaa lafa irra jiru wajjiin wal faaleessa.
Barreefamni koo kan xiyyeeffatu waa`ee namoota dhugumatti gochaa shororkeessummaa raawwatan otoo hin taane namoota ykn dhaabota saba isaanitiif falmatan garuu mootummaa yeroo sanatti biyya bulchu biratti garuu akka golii kaasaa(shororkeessaa)tti ilaalaman irratti ta`a.
Yeroo tokko tokko namoota ykn dhaaboota bilisummaa uummata ofitiif falman,”terrorist” jedhamun akka dhagaa ce`umsaa(stepping stone ) waan ta’u nati fakkaata. Seenaa adduunyaa kana keessatti namoonni fi dhaabooni adda addaa mootummaa isaanii biratti “terrorist” jedhamanii booda immoo deebi`anii kan ummataa fi biyya isaani bulchan heddutu jiru. Armaan gaditti fakkeenya namootaa fi dhaabota kanaa xiqqoo ibsuun yaala.
1. Nelson Mandela (south Africa)
Mandellaan fi paartin isaa ANC bara 1960 hanga 2006/7 tti motummaa biyya isaatii fi adduunyaa irrati akka shororkeessaa ta`etti lakkaawamaa ture. Hanga bara 2008 maqaan isaa “American terrorist lists” keessaa hin haqamne ture.
Namoota ummata adduunyaa hunda keessatti jaalatamee fi kabajamee darbe keessaa kan akka Nelson Mandela jira jedhe hin yaadu. Bilisummaa ummata isaatif fiduuf waggaa 27 mana hidhaa keessatti dabarse booda irra ummata isa bulchiinsa Apaartaayidii jalaa bilisa baasee ofifis prezidantii biyyati ta’uu danda`eera. Falmii inni Apaartaayidii balleessuuf taasise adduunyaan dinqisifachuun bara 1994 badhaasa Nobeelii nagaa(Nobel Peace prize) badhaafamuu danda`eera. Kan nama dhibu namichuuma akkanati leellisan kana duraan “terrorist” jechaani turan. Mummittiin ministeraa biyya UK yeroo sanaa Margareth Thatcher bara 1987tti akkana jettee turte “ Dhaabni Mandellaa ANC dhaaba shororkeessaati. Jarri ANC biyya Afriikaa Kibbaa(South Africa) bulchu jedhanii yaaduun habjuu dha.”Hamma bara 2008tti gootichi saba gurraachaaf fakkeenya ta`u kun galmee shororkeessitoota biyya Ameerikaa keessatti galmeeffame ture. Baruuma 2008 kana keessa prezidaantii George W.Bush dhaan maqaan isaa galmee kana keessaa haqamuu danda`eera.
2. Eduardo do Santos (Angola )
Bara 1975 dura biyya Angoolaa keessatti paartilee lamatu bilisummaa ummataa fi xumuura seera koloonii(colonial) porchugaal falmaa turan. Isaan keessaa tokko paartii Popular movement for the Liberation of Angola(MLPA). yeroo jedhamu inni lammataa immo United front for the Total Independent of Angola(UNITA) dha. Paartiin UNITA jedhamu kun kan bulchinsa koloonii Porchuugaaliin deeggaramu yeroo ta’u paartiin MLPA jedhamu waliin hantuutaa fi adurree walitti ta`uun wal waraanaa turan. Paartiin MLPA kan prezidantii ammaa Dos Santos kan hogganu bulchiinsa Porchuugaalitin akka “terrorist” ilaallame biyya keessatti akka hin falmanne dhorkamee ture. Hanga aangoo qabatanitti prezidantii Dos Santoos fi partiin isaa MLPA biyya Kongoo keessa taa`anii falmaa turan. Paartiin MLPA fi Dos Santoos duraan akka golii kaasaatti (terrorist ) ilaallamaa turan. Bara 1975 kaasee hamma ammaatti aangoo siyaasaa biyyatti qabachuu danda`aaniru.
3. Robert Mugabe – Zimbabwe
Biyyi amma Zimbabwe jedhamtu kun bara 1978 dura yeroo bulchiinsa koloonii England jala turtetti Rhodesia jedhamaa turte. Falmii bilisummaa ummata isaatiif gocha a jirufi bara 1964 tti Mugaabee fi paartiin isaa ZANU jedhamu biyya kessatti akka hin sochoone dhorkamanii turan. Paartiiin isaanii akka shororkeessaatti ilaallamee Mugaabee fi hoggantoonni paartii isaa waggaa 10 mana hidhaatti dabarsan. Bara 1974 eerga mana hidhaati bahee booda, biyya ollaa Mozaambikitti baqachuun, achumatti falmii bilisummaa saba isaa cimsee bara 1980 preziidantii biyyatti ta’u danda’eera.
Robert Mugabeen namoota biyyota Dhihaa keessatti jibbaman keessaa tokko dha. Erga preziidantii ta’ee booda akkuma bekkamu waan gaariis waan gadhees hojjateera. Waan bara 1980 booda ta`e waan mata duree kiyya hin taaneef, irratti xiyyeeffachuu hin barbaadu. Akkuma jalqaba ibsuuf yaaletti, ani akka fakkeenyaatti kan isa fudhachuu barbaade duraan “ Terrorist” jedhamee isa booda immo aangoo siyaasaa qabachuu isaati.
4. East Timor. Jose Ramos-
Adduunyaa kana keessatti seenaa nama gaddisisu fi nama ajaa’ibsisu keessaa seenaa falmiin biyyi Timor bilisuummaaf goote isa tokko. Biyyittin kun waggoota dheeraaf(400) kolonii Porchugaal turte. Xiyyeeffannaa baayyee waan hin arganneef, kolonii Porchugaal alaa(external colony of Portugal)jedhamtee namoota mana hidhaa seenuu malan fi adabbii naamusa sirreessutti itti fayyadamaa turte. Waraana adduunyaa lammaffaa booda Porchugaalitti yaa deebitu malee, Netherland, Australia fi Japanis biyyatti kana wereranii turan. Kolonii Porchugaaliin booda, bara 1975tti biyyittin Indoneeziyaadhan qabamtee. Erga Indonesia qabamtee booda, fincila diddaa gabrummaatin paartiin FRETILIN (The Revolutionary Front of an Independent East Timor) falmuu jalqabe. Akka odeeffannoon adda addaa gabaasanitti namoota gara 250,000 lubbuu isaanii bilisummaaf jedhani dhabaniiru. Yeroo kana paartiin Fretilin fi hogganaan isaani Jose Ramos -Horta … motuummaa Indonesia fi biyyoni hiriyaa ishee kan akka America, UK , Portugal , Japan fi Australia birrati akka “terrorist”tti ilaallamaa turan. Kan nama ajaa’ibu immo namuuma kanaaf, bara 1996 badhaasa Nobeelii Nagaa(Nobel Peace prize) kennaniif.
Gara biyya keenya Itiyoophiyaatti yeroo dhufnu immo dhaabni ABO fi deggartoonni isaa akka shororkeessaatti ilaallamu.
Erga balaa biyya Ameerikaa bara 2001(9/11) mudatee booda seerri “ anti terrorism proclamation“jedhamu biyyoolee adda addaati bahee jiraa. Motuummaan wayyaaneetis kanumaan wal qabatee seera labsii farra shororkeessummaa(anti terrorism proclamation) bara 2009 baseera.
Namoonni hedduu fi dhaaboonni siyaasaa adda addaa seera kanaan wal qabatee rakkoo cimaaf saaxilamaniru. Yeroo ammaa kana illee mana hidhaa wayyaanee keessatti kan dararamaa jiran lakkofnee hin fixnu. Dhaaboonni kan akka ABO, kaayyoo isaan qabanii fi falmiin isaan saba ofitiif godhaniin, ummata biratti jaalatama haa qabaatan malee, motuummaa biratti garuu akka dhaaba shororkeessaatti(terrorist organization) jedhamani ummata isaanii waliin akka hin falmanne dhorkamanii jiru. Otoo dhugaan kan ilaallamu ta’ee kan akka wayyaanee(TPLF) dhaabni shororkeessaa ta’e hin jiru. Ummata nagaa jiraatu kan ajjeesu, qabeenya ummataa kan saamu, ummanni nagaan akka nyaatee fi dhugee hin bulle kan taasisu TPLF caalaa waan jiru natti hin fakkaatu. Namoota bara 2001(9/11) biyya Amerikaatti ajjeefaman caala, wayyaaneen Itiyoophiyaa keessatti dachaa baayyeen ajjeesera. Keessattuu ummata Oromoo irratti ajjeechaa duguuggaa sanyiidhaa gadi hin taane raawwateera;raawwachaas jira.
Yeroo dheeraatiif wayyaaneen oloola(propaganda) siyaasaa ETV irratti hojjechuun sammuu ummataa keessatti ABOn akka jibbamuu fi akka sodaatamu gochaa turan. Toftaan akkasii kun mootummoota baayyee biratti kan baramee fi waraana xin-sammuu(psychology) keesssaa mala(strategy) isa tokko dha. Dargiinis akkasuma gochaa ture. Garuu motuummaa biratti haa jibbamu malee,jaalalli isaa immo laphee oromo keessatti guddachaa adeemera.Akka seenaa adduunyaa asiin olitti ilaaluu yaaletti,shororkeessaa jedhamanii waamamun waanuma jiru waan ta’eef qabsoo tokkoof akka gufuutti ilaallamuu hin qabu. Haa ta`utii akka dhagaa ce`umsaatti(stepping stone) ilaallamuu qaba.
Adduunyaa hundi duraan shororkeessaa jedhanii kan moggaasan hundi, yoo dhaabni jabaatee iddoo kaayyoo isa gahe falmataa bilisummaa (freedom fighter ) jedhanii waamuu jalqabu. Garuu yoo dhaabni dadhabee kaayyoo isaa bira otoo hin ga`iin hafe yeroo sana shororkeessaa(terrorist) jedhamee hafa.
Kanaafu akka seena namoota adunyaa ilaaluf yaaleti, akka isaani, nus falmanee saba keenyaaf falmata bilisuuma ta’u keenya adunyaati mirkaneesinu qabna.
Yoo jabaanne falmanee bilisummaa taana,yoo dadhabne(laafne) garuu shororkeessaa jedhamne hafna.
(If you win, you are a freedom fighter.)
If you loose, you are a terrorist.
Barreessituun: Hawi Chala

No comments:

Post a Comment