Search This Blog

Monday, January 18, 2016

Ibsa ABO | የኦነግ መግለጫ

Ibsa ABO | የኦነግ መግለጫ


Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu

Motumman Wayyaanee waggoottan 24 darban kana dhaaba OPDO jedhee ofii akka fedhee ajajuu fi ergatu ijaarrate of fuuldura qabatuun labsiilee, ibsoota, murtiilee siyaasaa fi lolaa akkasumas biyya isaa Oromiyaa irratti murtii jajjaboo kan jireenya, qabeenyaa fi hiree Oromoo guddaa miidhan garuu ummatni Oromoo dhugaan kan bakka isa bu’u keessa hin qabne labsaa fi murtii dabarsaa bahe. Murtiileen kunii fi labsiin kun maqaa mishoomaa jedhuun samicha, biyya tiksuu jedhuun lola Oormoo hin ilaalle irratti ilaamaan Oromoo ficisiisuu, shororkeessitoota irratti duula jechuun Oromoo mataa isaa irratti loal labsuun hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsuu raawwataa bahe. Ammas dabni kun nu irratti hin dammaqamne jechuun ibsa kijibaa fi fakkeessaa waanMaster Plan Finfinnee ilaaluu OPDOn akka labsu godhuun akkuma kana duraa daba dhaaba Kanaan qabatee Oromoo irratti hojjatu itti fufuuf kan of booda hin deebine tahuu agarsiisuu illee ummatni Ormoo ammaan booda lammata ibsaa fi labsii kijibaa fi fakeessaa akkasii akka hin sobamne diinaafi firaafis mirkaneessa. Labsii fi ibsi dhaabni OPDO kaleessa TV Oromiyaa irratti bahuun Master Plan magaalaa Finfinnee fi godinaan addaa Oromiyaa nannoo Finfinnee guutummatti akka haqamu; Oromiyaan faayidaa adda Finfinnee irraa argattuu kan jedhu seera keessaa jiru akka hojii irraa ooluuf OPDOn irratti hojjatuu; ; labsii bulchinsa magaalota Oromiyaa haaraa bahe keessaa keyyata ummatni hin feene irra deebihamee akka foyyaawuu kkf jedhee gara qabxii 8 baase OPDOn ofiifuu tohannaan diinaan fi hidhaa keessa kan jiru waan tahee fi dhimmoota kana irratti murtii dabarsuu aangu waan hin qabnee fi bakka ummata Oromoo bu’ee dubbahcuu waan hin dandeenyeef ummatni Oromoo fi ABOn ibsa kana tasa kan hin fudhatamne tahuu beeksisa.
Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf qabsoo kan adeemsise mirga seeraa fi uumaan qabu kabajsiifatee hiree isaa murteeffachuu, sirna dimokraatawaa fi bilisummaan keessatti mirkanaawe argamsiisuu dhaan nagaa waaraa fi amansiisaan jiraatuufi. Kun guutummaatti fedhii fi hawwii ummata Oromoo tahullee akeekni eebbifamaa kun kanneen ummatoota hacuucaa fi saamaa jiraachuu murteeffataniin hin guutamiin jiran.
Bittootni Itophiyaa kaayyoo ummatoota ittiin saamaa fi hacuucaa jiraatuu irraa jijjiiramuu hanqatuun har’a iyyuu Itophiyaa biyyoota tarree hiyyeeyyii keessatti ittisaa jira. Lammiilee miliyoonotaan lakkaa’aman beela keessatti gaadi’ee dhoortoon akka jiraatan dirqisiise. Yeeroo ammaa ammoo haalli Itophiyaa keessaa waliigala addatti ammo haallii Oromiyaa keessaa daran hammaatee jira. Lammiileen beela’oo miliyoonotaan lakkaa’amu. Kan lafa isaanii irraa buqqafamanis akkanuma. Jiruudhablummaan kanneen mankaraaran kuma dhibbootaan herregamu. Kanatti dabalee bittootni bittaa isaanii itti fufsiisuuf karoorri eenyummaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffate baafatuun ummata Oromoo caalaatti dheekamsiisee mirga isaaf akka falmatu taasisee jira.

Bittootni Itophiyaa jalqabaa hanga ammaatti, ummatni Oromoo mirga isaa akka hin gofatneef shira adda addaa fi hammeenya gara garaa raawwatuun of jireessan. Oromummaan akka keessatti hin dagaagne taasisuu, sabummaan xiqqeessuu, lafa isaa irraa buqqaasuun eenyummaa, seenaa fi aadaan isaa akka dhabamu taasisuun shiroota mootummoota Itophiyaan hojjataman bebbeekamoo dha. Ummata Oromoo magaalaa Finfinnee fi naannoo irraa buqqaasuun lafa isaa dhuunfachuu dhaan eenyummaa bittootaa irratti gadi ijaaruuf yaaliin godhamaa jiru qaama shira kanaa ti. Ummatni Oromoo daba diinaa kana hubatuun Master Plan karoorfame akka kaafamu karaa nagaa gaafatullee deebiin kennameef dhibbootaan ajjeechaa, kumaatamaan hidhaa fi reebichaa jumulaa ti. Karoora eenyummaa Oromoo irratti xiyyeeffate kana dura dhaabbatuu irrattis wareegamni lubbuu fi qaamaa baafame kan kanaan dura biyyattii keessatti mul’ate irra dachaa hedduun caala.
Master Plan dantaa bittootaa guutuu fi dhabama ummata Oromoon bittoota duroomsuuf raggaafame kun wayta labsametti jaarmayaan ummata Oromoo bakkan bu’a ofiin jedhu OPDO homaatuu akka irraa hin beekne ibsa hogganootni jaarmayaa kanaa kennaa turan irraa hubatamaa ture. Kun karoorichi Wayyaaneen hiccitiin wixinamee, Wayyaaneen raggaafamee akka hojii irra oolfamuuf itti kenname tahuu mirkaneessa. Karoorri Wayyaaneen baafame kun kan eenyummaa Oromoo dhabamsiisu tahuu irraa ummatni Oromoo wayta mormuu eegalettis, Wayyaanotni akkuma aadaa isaanii gaaffii ummataa tuffatuun “Jaallattanis jibbitanis hojii irra oolfama” deebii jedhu kennan.
Ummatni Oromoo mootmmaa Wayyaanee keessaa bakka bu’aa fi qooda homaatuu akka hin qabne beekamaa dha. Kanneen isa bakka buuna jedhan kanneen kabajaa namoomaa hin qabne, tajaajiltuu fi ergamtuu tahanii jiraatuuf murteeffatan, jilbeenfatanii buluu kabajaatti fudhatan qaamaa fi qalbiin gabrooman tahuu irraa takkaahuu ummatni Oromoo akka bakka bu’aa isaatti hin fudhanne. Ummatni Oromoo isaaniin iyyuu bilisa baasuuf kan qabsaa’u tahuu hubachiisuun ashkarummaa jalaa akka of baasan gorsaa fi barsiisaa har’a gahe. Sabboontoonnii jarmyaa kana keessaas kana sirreessuuf wareegama baayyee baasan; ammas baasaa jiru.
Jaarmayaan Jalee Wayyaanee OPDO marii Master Plan wixinuu fi raggaasuu keessatti qooda homaatuu akka hin qabne, hojii irra akka oolchuuf olii itti dabarfamuun osoo ifatti beekamuu akka waan aangoo irratti qabu Amajjii 12, 2016 karoorri Master Plan guutummaatti haqamuu isaa ibsa baaseen beeksisee jira. Labsi maqaa Koree Gidduu OPDOn bahe kun Karoorri Master Plan kaafamuu ibsuu kun ummata ittiin gowwoomsuu fi sossobatuun haala qabaneeffatuuf akka tahe hubatamaa dha. OPDOn labsa kana baasuuf mirgas tahe aangoo waan itti hin qabneef haquu fi kaasuus mirga hin qabu.
Sadarkaa duraatti karoora Master Plan kan wixinee raggaasuun ifa godhe mootummaa federaalaa ti. Kan ibsa itti kennaa tures qondaalota mootummaa Federaalaa Wayyaaneen durfamuu ti. Karoora irratti hin mari’anne, wixinuu fi raggaasuu keessatti hirmaannaa hin qabne kaase jedhee labsuun OPDO qoosaa fakkaatu illee tahe jedhamee ummata Oromoo gowwomsuun sochii isaa tohatuuf kan qindaawe tahuun ifaa dha. Kan waanMaster Plan qabatee rakkina siyaasaa fi waraanaa ummta Oromoo irra gahe gaafatamtama fudhatuu fi kaafamuu beeksisuu qabu mootummaa Federaalaa ti.
Kana waliin kan ilaalamu mormiin ummata Oromoo jabaatuu irraa murtii ummataa fakkeessuun karoorri kun akka hojii irra oolfamu taasisuuf, wal gahii duraa Caffee Oromiyaa irratti dhiheeffamee mariin alatti ajajaan murteeffame. Kanaaf murtii ajajaan Caffeen dabarse kan kaasuu danda’u Caffee malee OPDO miti. Kanaaf muddamsuu irraa ummata sossobatuuf ibsi jaarmayaa Amajjii 12 baafame kan seeraa fi tartiiba hin hordofne shiraa fi hammina ummata Oromoo irratti yaadame waan taheef fudhatama hin qabaatu.
Sochii ummatni Oromoo marraa kana bittaa gabrummaatti xumura godhuuf itti jiru jabaataa fi bal’ataa dhufuun, osoo addaan hin citne baatii lamaa oliif adeemsifamuun kan yaaddesse mootummaan Wayyaanee jaloota isaa ajajuun akka karoorri Master Plan kaafametti akka ibsa baasan ajajuun gaaffii ummata Oromoo gaaffi Master Plan qofa akka tahetti dhiheessuu barbaaduu irraa ti. Haa tahu malee gaaffiin ummata Oromoo gaaffii Master Plan qofa akka hin tahiin diddaa amma itti jiru keessatti qofa osoo hin taane isaan durattis yeroo gara garaatti agarsiisaa ture. Waan taheef hanga sirni gabrummaa Oromoo irratti waggaa 140 ol jaare kun xumura itti godhamuu mirkaneeffatutti qabsoon ummataa itti fufa malee hin dhaabbatu.
Gaaffiin ummata Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa ti. Gaaffii biyyaa fi qabeenya isaa irratti, dhimmi siyaasaa, dinaggee fi lolaa irratti murteessaa fi ajajaa tahuu akka hin dhaabbatne diinaafis firaafis mirkaneessa. Oromiyaa biyyaa isaa irratti gaaffii dimokraasii fi bilisummaa ti. Kana waan taheef karoorri Master Plan kaafameef ummatni Oromoo qabsoo isaa dhiisee manatti dacha’a jedhanii eeguun of gowwoomsuu taha. Ummatni Oromoo gaaffii isaa kana ammo qabsoo isaatiin deebii argamsiisaaf malee, kanneen ofiif iyyuu bilisummaa hin qabne, xiqqaatanii fi salphatanii jiraatuutti hin qanfanne irraa hin eeggatu.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisumaa Oromoo
Amajjii 2016

source: http://gadaa.net/FinfinneTribune/2016/01/ibsa-abo-%E1%8B%A8%E1%8A%A6%E1%8A%90%E1%8C%8D-%E1%88%98%E1%8C%8D%E1%88%88%E1%8C%AB/?utm_source=feedburner&utm_medium=twitter&utm_campaign=Feed%3A+gadaa%2FBiJG+%28Gadaa.com%29

No comments:

Post a Comment