Search This Blog

Friday, January 1, 2016

Qabsoon itti fufuu qaba | በቀለ ጅራታ:- ህዝባዊ ትግሉና ትብብሩ መቀጠል ኣለበት

Baqqalaa Jiraataa irraa*
Mootummaan gartuu wayyaannetin durfamu kun erguma bara 1991 gargaarsa mootummaa Ameerikaatin aangoo irratti bahee irra eegalee ummattota Itophiyaa biratti fudhatama hin argane. Garuummoo kuno waggaa 25 aangoo irra turuu danda’eera.
Mormitoota isaa ajjeesaa, hidhaa fi biyyaa irraa ari’aa harra gahera. Namoota karaa nagaa yaada isaanii dhiyeesani fi barreessan dhiifama tokko malee ukkaamsuudhan biyya isaanii keessatti hidhamtoota yaadaa(Prisoner of conscience) ta’anii akka jiraatan godhera. Dhaadannoo “heeraa fi sirnna heerichaa eeguu” jedhuun lammiilee biyyatti jireenya dhorkeera. Kan lakkofsi isaanii hin beekamne farra nagaa, farra misoomaa fi shororkeesitoota jedhee ajjeesera. Keessumaa dargagoota, artistoota, hayyootaa fi namoota beekamoo Oromoo ta’an irratti xiyyeeffachudhan fixeera. Kan kumaatamootatti lakka’aman manneen hidhaa beekamoo fi hin beekamne keessatti walitti qabee dararaa irratti raawatera.
Harras yoomiyyuu caalaa dhalataa Oromoo keessumaa dhaloota boru biyyatti guddisuu fi jiraachisuu danda’an mootummaa abba irree kanaan gidiraa argaa jiru. Gartuun mootummaa wayyannedhan durfamuu kun filannoo bara 2005 irratti sagalee ummataa saamuu isaa moormudhan ummata hirira bahe keessaa dargaggootaa fi jiraattota magalaa Finfinnee 200 ol ajjeesera. Sanumaan walqabatee Oromiyaa keessattis namootni 40 ol ta’an akka ajjeefaman komishinin yeroo sana qorannoo adeemsise gabaasera.
Sun isa gahuu hanqannan gareen kun labsii farra shororkeesaa jedhu baasuudhan namoota hanqina bulchiinsa gaarii, olaantummaan seeraa cabuu fi hacuuccaan hammachuu qeeqan shororkeesitoota jedhee mana hidhaatti guuree dararaa jira. Hawaasni muslimaa amantii isaanii bilisa ta’anii gaggeefachuu akka danda’anif mootummaan amantii keessa galee akka ani jedhutti deemaa nuun jechuu hin qabu jedhani gaafii karaa nagaa dhiyeesan hedduun ajjeefamaniru. Koree hawaasni kun mootummaa wajjin dubbatee rakkoo uumameef fala akka barbadu filatee ergate shororkeesitoota jechudhan diraamaa irratti dalagee himata sobaatin mana hidhaa galchee dararaa jira.
Gareen mootummaa ofin jedhu kun heeraa fi seera irra ejjetee kan itti fufuu danda’eef ummattoota biyyatti garaa gara hiruudhan akka ta’e martinuu ni beeka. Waan qoqoodamneef kopha kophatti nuu miidhuu danda’e. Kana otuu beeknuu fala isaa barbaachuu dadhabuudhan harra tuffii fi miidhan hangana hin jedhamne mana tokkoo tokkoo irra gahudhan jireenya itti hammeesee jira.
Tuffin mootummaa kanaa daangaa isaa darbudhan lafa ummataa saamee abbooti qabeenyaa alaa fi jala deemtoota isaatti gurgurachudhan ummata miliyonatti lakka’amu gadadoodhaf saxil baasaa jira. Yeroo ammaa moo maqaa Maastar Pilaanii Finfinnee jedhun lafa magaalota Oromiyaa naannaa Finfinne jirani saamuudhan ummata Oromoo biyyaa dhabsiisudhaf sochii irra jira. Misooma uummata ofitti hin hammannee fi deegaaf saxilu hojiirraa ooluu hin qabu jedhanii kan karaa nagaa gaafii fi mormii dhiyeesan tuffachudhan “jaallattanis jibbitanis hojirra oola” jechudhan itti fufe. Bara darbe barattootaa Oromoo dhimma kana irratti mormii dhiyeesan 85 ol ta’an rasaasan carabee fixe. Bara kanas mormii fi gaafii ummataa gatii dhabsiisudhan namoota maqaa Caffee Oromiya jedhu qabatanii taan ajajudhan Maastar Pilaanicha hojitti hiikuu kan isa dandeesisu labsii baafate. Kana malees bosona cillimoo jedhamu naannoo godina Shawaa Lixaatti argamu bara lakkoofsi isaa hin beekamneef ummatni eegaa fi kunuunsaa ture abbotti qabeenyaf dabarsee kennudhaf sochii eegale. Tarkaanfi kana mormudhaf barattootaa fi ummata Oromoo naannoo sanaa hiriira nagaa bahan irrattis tarkaanfi diinummaa irratti fudhachuudhan da’immaan otuu hin hafin humna poolisii federaalaa fi agaazii jedhamun rasaasan ajjeefaman. Haala kanaan torbee 3 keessatti ilmaan Oromoo 100 caalaan rasaasa humna waraanaa mootummaan bobbaasen galaafatamaniru. Haati ilmoo walin balbala mana isaanii irratti, dubartii ulfi kan garaa isheetti baatuu walin ajjeeffamaniru.
Akkuma irra deddebi’amee dubbatamaa ture tuffin garee mootummaa ofin jedhuu kun kana daangaa isaa darbe waan nuyi warri isaan bitamaa jirru walin dhaabbachuu dadhabneefi dha. Waggootii 25 kopha kophaatti yeroo nuu ajjeesu, akka hoolaa guuree mana hidhatti naqee nuu reebu waltaanee lakkii hin gahaa jechuu dadhabuu keenya.

Kana booda haalli kun jijjiramuu qaba. Walin dhabbannee qabsoo bilisummaa, walqixummaa, dimokraasii fi nagaa naannoo Oromiyaa fi karaa kaabaa naannoo amaaratti eegalame cimsinee itti fufuu dha. Filannoon biroo hin jiru. Amma qabsoon murteesaa fi boodatti hin deebine jalqabera. Kanaafuu guutuu ummattota biyyaatti sochoosudhan mirgaa isaaniitif akka falmatan gochuu dha.
Eegee Qeerransaa hin qaban, yoo qabanimoo gadi hindhiisan jedhu abbootin. Kanas kan jedhaniif qeerransa erga eegee qabanii booda yoo gadidhiisan balaa gahu waan beekanif. Jarri amma ummattota Itophiyaatti roorisan kun Qeerransa jechuu kiyya miti. Jarri kan da’imaa fi dubrtii harka qullaa ajjeestuu waan taatef sodattudha malee qeerransa miti. Mammaksicha kanaan tuqeef qabsoo eegalama hanga bakkaan gahanitti qabaneesuus ta’ee laafisuun balaa hamaa waan qabuuf finiinuu qaba jedhee waanan amanuf.
Qabsoon karuma hundaa, bifuma danda’ameen cimee itti fufuu qaba. Uummattotni biyyatti mootummaa kanaan mirgi isaanii hin sarbamin hin jiran. Ammaan booda hacuuccaa fi dhittaa mirgaa danda’anii garaa keessa gubachaa jiraachun hafuu qaba. Qabsoo ummatni Oromoo eegale kanatti hundumtuu makamuu qaba. Qabsoon mirgaa ummatni Oromoo adeemsisu kan uummattota biyyatti mara ilaaludha. Kana amananii fudhachuudhan tumsuun barbaachisaa dha. Kana booda qaama ummataa fi heeraa olittan bula jedhuuf bitamuu hin qabnu jechuu qabna.
Qabsoon eegalame akka galma gahuuf dhaabbilee bilisummaa, dimokraasii fi nageenya ummattotaaf qabsoofna jedhan irra itti gaafatama guddatu jira. Qabsochi kan hin qindoofne ta’ee yoo boodatti deebi’e balaan isaa hamaa ta’a. Qabsoo karaa nagaa mirga isaatif ummatni Oromoo gaggeesuu irratti tarkaanfii diinummaa humni aangoo irra jiru kun fudhate guutuu ummaattoota biyyatti kan aarsee fi dallansiise ta’uun kan haalamu miti.
Haalli amma uumame kun dhaabbilee siyaasaa biyya keessaa fi alaas adeemsa isaanii akka keessa deebi’anii ilaalan gochuun isaa hin oolle. Kanaafuu ibsa wal tumsuu isaan baasan ilaaluun ni gaha. Fakkeenyaf addi dimokraatawwa Oromoo (ADO) waamicha barbaachisummaa wal tummsuu akkana jedhuu godhera. “Kana booda qaamni dhimmi biyyatti nagalcha jedhu dhaabbilee siyaasas, namoota dhuunfaas ta’ee dhabbileen hawaasaa hanga yoomitti reebamaa fi ajjeefamaa jiraannaa jedhanii of gaafachuu qabu. Yoo dhugaa dubbanne miidhaa fi dararamnni ummattoota Itophiyaa irraa gahaa jiru keessummammoo haala suukanneesadhan ajjeefamuun daangaa darbee jira. Kanaafuu harka wal qabannee sirnna murna xiqaadhan hoogganamu kana ofirraa buqisuudhan biyya mirgi hundaa keessatti eegamuu ijaaruu qabna jedha.”
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) karaa isaa warri dhimmi isaa isaan ilaalu hundumtu wal tumsuudhan gartuu dhiiga ilmaan biyyattitin harka dhikatu kana dhabasiisudhan mootummaa ummataa, ummataan akkasumas ummataaf ta’e ijaaruu qabna jedheera. Hoogganaan adda G7 Arbanyyochi proofesor Biraanuu Naggaas hundumtuu naannoo isaatti ka’ee gaafii dhiyesuudhan qabsoo barattootni goototni Oromoo qabsiisan kana tumsuu qabu jechuudhan karaa dhaaba isaanii barattootaa fi ummata Oromoo cinaa hiriraa akka jiran ibsaniru.
Dhaabbilee biyya keessaatti qabsa’aa jiran keessas paartin Samayawii fi Kongreesin Federalist Oromoo (KFO) walin hojjeechuu akka eegalan beekamera. Walin hiriira mormmii ajjeechaa barattootaa fi lammilee Oromoo irratti raawwate balaalefachuf yaalanii gartuu aangoo irra jiruun dhorkamuu isaanis dhaga’amera.
Yaadnni waamicha waltumsuu amma jalqabame kun cimee garaa sadaarkaa olaanatti guddachuu qaba. Waamichi tumsaa kun waan haala amma dhalate irraa ka’e akkuma tasaa dhiyaate natti hin fakkatu. Hundumtuu walin keenya walif barbaachisoo ta’uu waan hubanne fakkata. Kanaafuu, qaamoleen waamicha kana godhan yoona walin haasa’uu eegalaniru jedheen amana . Yoo hin goone ta’e nama gaddisiisa. Maalif yoo jedhame yeroon kana caalaa ballesan waan hin jirreef. Amma yoo wal tumsinnee hin qabsoofne mootummaa qabeenyaa biyyattitin hanga funyaanitti hidhate kana ofirraa buqisuun yoo hin danda’amuu hin jedhamnellee wareegamnni inni baasisu guddaa ta’a. Kanaafi kan wal tumsuun barbaachisuf.
Mootummaan kun amma warruma isa deeggaru birattillee haguuggin isaa irraa soqolamee mullatera. Kana booda waan isa deggaranif hin qaban. Garuu gaafii gaafatan qabu. Innis eenyutu bakka bu’aa kan jedhu dha. Kun gaafii sirri kan namni yaaduu marti gaafachuu malu dha.
Kanaafuu mootummaan kun kufuu dura qaamnni sirritti of ijaaree fi itti gaafatamummaa biyyatti fudhatu qopha’uu qaba. Yoo xiqaate haala mootummaa ce’umsaa tokko uummu danda’amutti ijaaramuun barbaachisaa dha. Qaama mootummaa ummataa, kan ummataa fi ummataaf ta’e tokko ijaaruudhaf kutatee ka’e tokko hattattamaan ijaaruun dirqama.
Haala walitti dhiyeenya amma umamaa jiru kana gara sadarkaa ol aanatti akka ol guddatuf dhaabbileen siyaasaa waamicha godhan kun itti gaafatama guddaa qabu. Yoo kana gochuu baatan waamichi godhame bu’aa siyaasaa irraa argachuuf jedhamee kan ta’e malee dhugaatti ummattoota biyyatti gadadoo, hacuccaa fi roorro jala baasuf kan hin godhamne ta’a. Kunimoo seenaa keessatti isaan gaafachisuu qofa otuu hin taane mootummaa amma ummataa keenya lafa iraa fixuuf adeemuu wajjin dhaabbachuu isaanii agarsiisa.
Carraan hariiroo barbaachaa amma umaame kun akka bu’a qabeesa ta’uf midiyaaleen gahee guddaa taphachuu danda’u jedheen amana. Midiyaaleen bilisa ta’an kan akka ESAT, OMN, Gadaa.com fi Ethiomedia akkasumas Raadiyoo Ameerikaa Sagantaa Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa fi kaneen biroo qabsoo ummatni Oromoo adeemsisaa jiruu fi ajjeechaa mootummaa humna waraanaa bobbasee ummata irratti raawata jiru duukaa bu’anii ummataan gahuu keessatti hojii guddaa hojjetan. Kanafuu dirqama ogummaa fi lammummaa isaanii bahaniru jechuun ni danda’ama.
Tumsa amma jalqabame kanaa keessatti gahee isaanii akka bahan abdii guddaatu jira. Midiyaleen biyya ijaaruus ta’e diiguu keessatti shoora ol aanaa taphachuu danda’u. Kanaafuu walitti dhufeenyi paartilees ta’e kan ummattootaa akka cimee bu’aa barbaachisu fiduuf cimaani hojjechuu qabu. Holola ummattotoota walitti buusuuf mootummaan adeemsisu dursanii ummata hubachiisudhan gocha mootummaa saxil baasuu irratti hojjechuu qabu. Ummata gorsuu fi barsiisuu keessatti gaheen midiyaalee daraan barbaachisaa dha.
Social midiyaan ummata dammaqsuu, odeeffanno yeroo yartuu keessatti ummataan gahuu fi ummata irraas fudhanii bakka barbaachisetti tamsaasuu keessatti keessumaa haala qabsoo amma Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irratti gumaachi isaanii daangaa hin qabu. Haala kanaan midiyaaleen hariiroo ummattotaa fi qaamolee siyaasaa giddutti uumuu keessatti waan guddaa dalaguu danda’u. Keessuma yeroo amma kana yaada, barrreefamaa fi dubbii ummattotta walitti buusan keessumeesuu irraa of qusachuu qabu.
Egaa waluma galatti qabsoon amma jalqabamee guutuu biyyatti keessatti cimee itti fufuu qaba. Haalli waltumsaanii ummattota biyyatti roorroo barabaraa jalaa baasuuf eegalames daraan cimee itti fufuudhan mootummaa abba irree kana ofirra buqisuudhan mootummaa ummataa, ummataa fi kan ummataa ijaarudhaf hundumtuu walfaana ka’uu qaba.
Humnni ummattootaa yoomiyyuu ni injifata

የተጀመረው መብትን የማስከበር ህዝባዊ ትግልና የታየው የመተባበር መንፈስ ተጠናክሮ መቀጠል ኣለበት

በበቀለ ጅራታ*
ገዢው የወያኔ ቡድን ገና በኣሜሪካ መንግስት ደጋፊነት የሀገሪቷን ስልጣን ከተቆጣጠረበት 1983 ጀምሮ በኢትዮዽያውያን ዘንድ ተቀባይነት ያላገኘ ቡድን መሆኑ ግልጽ ነው። ሆኖም ይሄዉ ለሃያ ኣምስት ኣመታት በስልጣን ላይ ሊቆይ ችሏል። ስልጣን ከያዘበት ጊዜ ጀምሮ ተቃዋሚዎቹን እየገደለ፣ እያሰረ ከሀገር እያሳደደ ዛሬ ላይ ደርሷል። በሰላማዊ መንገድ ሃሳባቸውን የሚያቀርቡትንና የሚጽፉትን ያለ ምህረት በማፈን በገዛ ሃገራቸው የህሊና እስረኞች ሆነው እንዲኖሩ ኣድርጓል። “ህገ-መንግስታዊ ስራትና ህገ-መንግስቱን ለመጠበቅ” በሚል መፈክር ዜጎችን መኖሪያ ኣሳጥቷል። ቁጥራቸው ያልታወቁትን ጸረ-ሰላም፣ ጸረ-ልማትና ኣሸባሪ በማለት ገድሏል። በተለይም በኦሮሞ ወጣቶች፣ ምሁራንና ታዋቂ ሰዎች ላይ በማነጣጠር ኣድኖ ጨርሷቸዋል። በብዙ ሺህ የሚቆጠሩትን በታወቁና ባልታወቁ የማሰቃያ ቦታዎች በማጎር ሰቆቃ ፈጽሞባቸዋል። ዛሬም ከምን ጊዜውም በላይ የኦሮሞ ተወላጆች በተለይም የነገ ሀገር ተረካቢዎች በዚሁ መንግስታዊ ህገወጥ ቡድን እየተሰቃዩ ይገኛሉ። ይህ ቡድን በ1997 ምርጫ የህዝቡን ድምጽ በኣደባባይ በመስረቁ ህገ-መንግስታዊ መብታቸውን ተጠቅመው ድምጻቸውን ለማስከበር ሰላማዊ ሰልፍ የውጡትን ከሁለት መቶ ያላነሱ የኣዲስ ኣበባ ወጣቶችን ያለ ምህረት በጥይት ደብድቦ ገድሏቸዋል። በወቅቱ በኦሮሚያ የተቋቋመው ኣጣሪ ኮሚሽን ባቀረበው ሪፖርት መሰረት ወደ ኣርባ የሚጠጉ ስዎች በኦሮሚያ ተገድለዋል።
ያ ኣልበቃ ብሎት የጸረ-ሽብር ኣዋጅ በማውጣት ጭቆናን፣ የመልካም ኣስተዳደር እጦትን፣ የህግ የበላይነት መጣስን በኣጠቃላይ የመንግስታዊ ህገ-ወጥነትን የተቹትን ሁሉ ኣሸባሪዎች በማለት በእስር ቤቶች ኣጉሮ ይገኛል። ሙስሊም ኢትዮዽያውያን ህይማኖታቸውን በነጻነት ለማካሄድ እንዲችሉ ጣልቃ ገብነት እንዲቆም በሰላማዊ መንገድ በመጠየቃቸው በርካቶች ተገድለዋል። ሙስሊሙ ህብረተሰብ ከመንግስት ጋር ተነጋግረው ያለውን ችግር እንዲፈቱላቸው መርጦ የላካቸውን ሰዎች ኣሸባሪዎች ናቸው ብሎ ድራማ በመስራት በሃሰት በመወንጀል ወህኒ ውስጥ ኣጉሯቸው በማሰቃየት ላይ ይገኛል።
ለዚህ ሁሉ ህገወጥነት የጠቀመው የኢትዮዽያን ህዝቦች ለመከፋፈል በመቻሉ መሆኑን ሁላችንም እናውቃለን። በመከፋፈላችን ነጣጥሎ ኣጠቃን። ለጥቃት ያጋለጠንን ምክንያት በሚገባ እያወቅን መፍትሔ ለመፈለግ ዝግጁ ሳንሆን በመቅረታችን እነሆ የመንግስታዊው ቡድን ንቀት፣ ጭካኔና በደል እያንዳንዱን ቤት በማንኳኳት በሃገራችን ኑሮ ከሲኦል የከፋ ሆኖ ይገኛል። የዚህ መንግስት ንቀት ከመጠን እያለፈ ሂዶ ህዝብን ለዘመናት ከኖረበት በማፈናቀል መሬቱን በመቀማት ለውስጥና ለውጭ ባለሃብቶች እየቸበቸበ ሚሊዮኖችን በማደህየት በልመና እንዲኖሩ ኣድርጓል።
ኣሁን ደግሞ “በኣዲስ ኣበባና በዙሪያው የሚገኙ ከተሞች የተቀናጀ ማስተር ፕላን” በሚል የቀሩትን በሚሊዮን የሚቆጠሩ ኣርሶ ኣደሮችን የሚያፈናቅል እቅድ ኣዘጋጅቶ በመንቀሳቀስ ላይ ይገኛል።
ህዝቡን ያላቀፈ፣ ከኑሮው የሚያፈናቅልና ለከፋ ድህነት የሚዳርግ ልማት ህገ-መንግስታዊ መብቱን የሚጻረር በመሆኑ መተግበር የለበትም በማለት ተቃውሞ ያነሱትን ሁሉ በመናቅ “ወደዳቹም ጠላችሁ ይተገበራል” የሚል መልስ በመስጠት እብሪተኛነቱን በዲጋሚ ኣረጋግጧል።
ባለፈው ኣመት በተለያዩ በኦሮሚያ ክልል በሚገኙ ዩኒቨርሲቲዎች ሰላማዊ ተቃውሞ ያደረጉትን ያለርህራሄ ከ80 የማያንሱትን ተማሪዎችና ነዋሪዎችን በጥይት ቆላቸው።
በዚህም ኣመት ማስተር ፕላኑን ኣስመ ልክቶ ለተነሳው ጥያቄ ደንታ በማጣትና በንቀት የኦሮሚያ ምክር ቤት (ጨፌ ኦሮሚያ) በሚባለው ስብስብ ኣማካይነት ኣዋጅ በማውጣት የማስተር ፕላኑን እቅድ ተግባራዊ የማድረግ እንቅስቃሴውን ቀጠለበት። ከዚህም ሌላ በምእራብ ሸዋ ኣምቦ ኣካባቢ የሚገኘውንና ለዘመናት ሳይነካ ህዝቡ ጠብቆ ያኖረውን የጭልሞን የተፈጥሮ ደን ለባለ-ሃብት ሰጥቶ ለማውደም በመንቀሳቀሱ የኣካባቢው የኦሮሞ ተማሪዎች በኋላም ህዝቡን ጨምሮ ኣካሄዱን በሰላማዊ መንገድ በመቃወም ጥያቄ ለማቅረብ ኣደባባይ ወጡ። ለዚህም ኣምባገነኑና ህገወጡ መንግስታዊ ቡድን የሰጠው መልስ በጅምላ መግደልን ነው። በዚህም መሰረት በሶስት ሳምንታት ጊዜ ውስጥ ምንም የማያውቁ የትምህርት ቤት ህጻናት ወሬ ለማየት የሚሯሯጡ ሳይቀሩ በጥይት ተቆልተዋል። እናትና ልጅ እቤታቸው ደጅ ላይ በጠላት ጥይት ተደብድበው ወድቀዋል። እርጉዝ እናት በሆዷ ከያዘችው ሽል ጋር በፋሽስቶች ጥይት ተግድላለች።
እስካሁን በተጠናቀረው መረጃ መሰረት ከ100 በላይ ተማሪዎችና ሌሎች የኦሮሞ ተወላጆችን በጥይት ግድሏል።
ተደጋግሞ እንደተነገረው ይህ መንግስት እንደልቡ እንዲፈነጭና ለህዝብ ያለው ንቀት ገደብ ያጣው እኛ ተገዢዎች በመከፋፈላችን ነው። ለሃያ ኣምስት ኣመታት በተናጠል ሲንገረፍ፣ ሲንገደልና እንደ በግ መንጋ ወደ እስር ቤት ሲንጋዝ የኖርነው በኣንድነት ቆመን በቃህ ለማለት ኣለመቻላችን ነው።
ከእንግዲህ እስካሁን የነበረው ሁኔታ መቀየር ኣለበት። ኣሁን ሁላችንም ኣንድ ላይ ሆነን ለነጻነት፣ ለእኩልነት ለሰላምና ለዲሞክራሲ በኦሮሚያና ኣማራ ክልል የተጀመረውን ትግል ኣጠናክረን መቀጠል ኣለብን። ሌላ ምርጫ የለም። ኣሁን የማያዳግም ትግል ተጀምሯል። የቀረው ነገር ቢኖር መላው የኢትዮዽያ ህዝቦችን ከዳር እስከዳር ማንቀሳቀስና በትግሉ እንዲሳተፍ ማድረግ ነው። የነብር ጭራ ኣይይዙም፣ ከያዙ ኣይለቁም ይላል የኣበው ምሳሌያው ኣነጋገር። የነብር ጭራ ይዘው ከለቀቁ የሚደርሰውን ኣደጋ ስለሚያውቁ ነው እንዲ ያሉት። እነዚህ ኣሁን ከፋፍለው የሚገዙን ነብር ናቸው ለማለት ኣይደለም። እነሱ ህጻናትና ሴት የሚገድሉ ፈሪዎች ናቸው። ተረቱን ያመጣሁት ኣንዴ ቆርጠው የገቡበትን የመብትና የነጻነት ትግል ከጀመሩ ዳር ሳያደርሱ መቆም ለጠላት ጊዜ መሰጠት ስለሆነ የድል ጊዜውን ስለሚያራዝም እንጠንቀቅ ለማለት ነው።
ትግሉ በሁሉም ኣካባቢዎች መቀጣጠል ያስፈልጋል። ይህን ጸረ-ህዝብ የወያኔ ቡድን በሁሉም ማእዘናት ፋታ መንሳትና ማጣደፍ ይገባል። ግፍና መከራን ተሸክሞ በውስጥ ማጉረምረምና መቃጠል ዋጋ የለውም።
ይህ በኦሮሚያ የተጀመረው ትግል የሁሉም ኢትዮዽያዊ የመብት ትግል መሆኑን ያለ ማመንታት ማመን ያስፈልጋል። በኢትዮዽያ የሚገኙ የሁሉም ዜጎች መብት እየተረገጠ፣ ዜጎች በገዛ ሃገራቸው በፍርሃትና በመሸማቀቅ የሚኖሩበት ጊዜ እንዲያበቃ ሁሉም ለመብቱ መታገል ኣለበት። በኢትዮዽያ ከህግና ከህዝብ በላይ ለሆነ ኣገዛዝ ኣንገዛም ማለት ኣለብን።
ትግሉ ዳር እንዲደርስ ከተፈለገ ለእውነተኛ የህዝቦች ነጻነት እንታገላለን ከሚሉ የፖለቲካ ድርጅቶች የሚጠበቅ ትልቅ ሃላፊነት ኣለ። ትግሉ የተቀናጀ ካልሆነ ኪሳራውና መዘዙ ክፍተኛ ይሆናል። ኣሁን እንደታየው በኦሮሚያ የተጀመረው ሰላማዊ የመብት ጥያቄ በጀብደኛውና የህዝብ ጠ ላት የወያኔ ቡድን ወደ ደም ማፍሰስ ተሸጋግሮኣል። ይህ እንዲቆም የጋራ ትግል ኣስፈላጊ ብቻም ሳይሆን ታሪካዊ ሃላፊነት ነው።
ባለፈው ወር በመላው ኦሮሚያ የተቀጣጠለው የመብት ማስከበር ትግልን ለማዳፈን ገዢው መንግስት የወሰደው የግፍ እርምጃ መላውን የኢትዮዽያ ህዝብ ማስቆጣቱ ግልጽ ነው። በውጭም ሆነ በሃገር ውስጥ ያሉትና ኣምባገነኑን መንግስት ለማንበርከክ የሚታገሉት የፖለቲካ ድርጅቶችንም የትግላቸውን ኣካሄድ እንዲመረምሩ እንዳደረጋቸው ጥርጥር የለም። ለዚህም ያደረጉትን የትግል ትብብር ጥሪ ማየቱ በቂ ነው። ለምሳሌ የኦርሞ ዲሞክራቲክ ግንባር (ኦዲግ) ቀጥሎ የተመለከተውን የትብብር ጥሪ ኣስተላልፎኣል።
“እንግዲህ የዚያች አገር ጉዳይ ያገባኛል የሚል ማንኛዉም ግለሰብ፣ ድርጅትና ተቋም፤ በአጠቃላይ የሚያስብ አዕምሮ ያለዉ እያንዳንዱ ዜጋ «እስከመቼ ድረስ እየታሠርን፣ እየተደበደብን፣ ከገዛ አገራችን እየተሰደድን፣ ከምንም በላይ ደግሞ በግፍ እየተገደልን በዚህ የጥቂቶች አገዛዝ ሥር እንቀጥላለን?» ብሎ ራሱን መጠየቅ አለበት። ያለምንም ማጋነን የአገራችንና የሕዝቦቻችን መከራና ስቃይ ከልክ ያለፈ ሆኗል። ስለዚህ አንዱ ሕዝብ ሲጠቃ ሌላዉ ከሩቅ ሆኖ የማየት በሽታ ዘላቂ መፍትሔ ያስፈልገዋል ብለን እናምናለን። ዘላቂ ሊሆን የሚችለዉ መፍትሔ ደግሞ እጅ ለእጅ ተያይዘንና ተደጋግፈን ለጋራ ድል በጋራ ሆነን መታገል ብቻ ነዉ” ይላል።
የኦርሞ ነጻነት ግንባር (ኦነግ) በበኩሉ “The OLF calls upon all Ethiopian to join the Oromo people struggle for freedom, democracy, justice & human rights, and once for all to dismantle the genocidal regime of TPLF. To that effect, the OLF calls for all inclusive struggle that include all political parties and civil organizations that will enable the Ethiopian people to decide their destiny by establishing government of people, for people and by people in Ethiopia.” ይህም በኣጭሩ ተባብረን ይህን የኣናሳና ገዳይ ቡድን ኣገዛዝ ኣሰወግደን በህዝብ፣ ለህዝብና የህዝብ መንግስት በኢትዮዽያ እንዲመሰረት የጋራ ትግል እናድርግ ነው።
የግንቦት ሰባት ኣርበኞች ግንባር መሪ ፕሮፈሰር ብርሃኑ ነጋም ሁሉም ከያለበት ጥያቄውን እያነሳ ትግሉን መቀላቀል እንዳለበትና ከኦሮሞ ተማ ሪዎች ጎን እንዲቆሙና ለነጻነታቸው እንዲታገሉ ትብብር ኣስፈላጊ መሆኑን ኣጽኖት ሰጥተው ጥሪ ኣቅርበዋል፣ በሃገር ውስጥም የሰማያዊ ፓርቲ ከኦሮሞ ፌደራሊስት ኮንግሬስ (ኦፌኮ) ጋር በጋራ ለመ ስራት መስማማታቸው ታቋል። በጋራ የተቃውሞ ሰላማዊ ሰልፍ ለማ ድረግ ኣቅደው በእምቢተኛው ገዢ ቡድን ተከ ልክለዋል። የሰማያዊ ፓርቲ ኣባላትም የኦሮሞን ህዝብ ትግል ደገፋችሁ ተብለው መታሰራቸውን ሰምተናል።
ይህ ኣሁን የታየው የትብብር መንፈስ ወደ ላቀ ደረጃ ማደግ ኣለበት። ይህ የኣሁኑ የትብብር ጥሪ እንዲሁ በድንገት በተፈጠረው ወቅታዊ ጉዳይ ምክንያት የተከሰተ ኣይመስለኝም። ሁሉም ኣንዳችን ለኣንዳችን ኣስፈላጊዎች መሆ ናችንን በመገንዘብ የተደረገ ከልብ የመነጨ ነው ብዬ እገምታለሁ። ስለዚህ በኔ ግምት እስካሁን ድረስ እነዚህ ጥሪ ያደረጉ ድርጅቶች በጉዳዩ ላይ መነጋገር ጀምረዋል የሚል እምነት ኣለኝ። ካላደረጉ ያሳዝናል። ምክንያቱም ከዚህ በላይ የሚናባክን ጊዜ የለምና። ተባብረን በኣንድነት ካልቆምን በኢትዮዽያ ሃብት እስከ ኣፍንጫው የታጠቀውን ኣምባገነን ለማስወገድ የማይቻል ባይሆንም ብዙ መስዋእትነትን ያስከፍላል። ለዚህም ነው የጋራ ትግል ኣስፈላጊ የሚሆነው። በተግባር የማሳያው ጊዜ ኣሁን ነው። የዚህ መንግስት ገበናው ኣሁን ለሁሉም ለውጭም ሆነ ለውስጥ ይፋ ሆኗል። ይህ መንግስት የኢትዮዽያን ህዝቦች መብትና ነጻነት ረግጦ መቀጠል እንደማይችል ለሃያ ኣምስት ኣመታት ደግፈው ያቆዩት ጭምር ተገንዝበዋል። ኣሁን እያሰቡ ያሉት ማን ይተከዋል የሚለውን ነው። ጥያቄያቸው ተገቢና ማንም መጠየቅ ያለበት ነው። ስለዚህ የኢህአድግ መንግስት ከመውደቁ በፊት በሚገባ የተደራጀና መንግስታዊ ሃላፊነት የሚሸከም ድርጅት መኖሩ መረጋገጥ ኣለበት። ለህዝብ፣ በህዝብና የህዝብ መንግሥት ለመመሥረት የሚችል ሃይል መፈጠር ኣለበት።
እስካሁን ድረስ ጭራሽ መነጋገር የማንችል መስለን ኖረናል። ያተረፍነው ነገር ቢኖር ከፋፍሎን ለሚገዛን መመቸት ብቻ ነው። ኣሁንም ይህ ሃይል እንዳንቀራረብ ሌት ተቀን እንደሚሰራ ማወቅ ኣለብን። ይህ ኣሁን የተፈጠረውን መልካም ኣጋጣሚ ተጠቅመን ህዝባችንን ከሰቆቃ፣ ግዲያ፣ እስራትና ስደት ካላዳን ተጠያቂው እኛ እንጂ ገዢዉ መንግስት ኣለመሆኑን ማወቅ ኣለብን። ይህ ኣሁን የተደረገው የትብብር ጥሪ ወደ ተግባር ካልተቀየርና ለፖለቲካ ፍጆታ ብቻ የተደረገ ሆኖ ከቀረ በታሪክ ፊት ተጠያቂ ከመሆንም ኣልፎ ኣሁን ህጻናት ልጆቻችንን በገፍ እየገደለ ካለው ገዳይ መንግስታዊ ቡድን ጋር ከመተባበር ተለይቶ ሊታይ ኣይችልም።
ለትብብር ጥሪው ተግባራዊነት የሚዲያዎች እገዛ ከፍተኛ ሚና ሊጫወት ይችላል የሚል እምነት ኣለኝ። በኦሮሚያ ተማሪዎችና ህዝቡ እያደረገ ያለውን የመብት ትግል ተከታትለው ለሃገር ውስጥም ሆነ ከሃገር ውጪ ላሉት ኢትዮዽያውያንና ሌሎች በማሰራጨት በኩል ያደረጉት ስራ በጣሙን የሚያስመካ ሆኖ ታይቷል። የኢትዮዽያ ሳቴላይት ቴሌቪዥን (ኢሳት)፣ ኦሮሞ ሚዲያ ነትዎርክ (OMN)፣ ገዳና (Gadaa.com) ኢትዮሚዲያ ድረገጾች እንዲሁም የተለያዩ ረዲዮ ጣቢያዎች የኣሜሪካ ድምጽ ኣማርኛና ኦሮሚኛ ፕሮግራሞችን ጨምሮ የሙያና የሀገር ግዴታቸውን ተወጥተዋል ለማለት ይቻላል።
ኣሁን የተጀመረውን የተለያዩ የፖለቲካ ድርጅቶች መካከል የመተባበር ጥሪም ወደ ላቀ ደረጃ እንዲደርስ ጥረት ማድረግ ኣለባቸው የሚል እምነት ኣለኝ። ሶሻል ሚድያም የተጫወተው ሚና በጣሙን የሚደነቅ ነው።
ሚዲያ ሃገር ለመገንባትም ሆነ ለማፍረስ የሚችል ትልቅ ሃይል ነው። ባለፉት ኣመታት ህዝብን ከማቀራረብ ይልቅ የማራራቁ ስራ ጎልቶ ስታይ እንደነበር የሚካድ ኣይደለም። ኣሁን ግን ሰሞኑን እንደታየዉ ህዝቦችንም ሆኑ የተለያዩ የፖለቲካ ኣመለካከት ያላቸውን በማቀራረብ መርዳታቸዉን ኣጠናክረው መቀጠል ኣለባቸው። ሰዎች የመሰላቸውን ሃሳብ የመስጠት፣ የመጻፍና የመናገር መብት እንዳላቸው ቢታወቅም ኣሁን ኢትዮዽያ ባለችበት ሁኔታ ህዝብን ከህዝብ፣ ፖለቲካ ፓርቲዎችን ከፖለቲካ ፓርቲዎች የሚያጋጩትን ሃሳቦች፣ ጽሁፎችና ኣስተያየቶች ከማስተናገድ መቆጠብ ኣለባቸው። እኛን ለያይቶን የኣገዛዝ ዘመኑን ለማራዘም የሃገር ሃብትና ጉልበት የሚያባክነውን ጸረ-ህዝብ የሆነውን ኣምባገነን መንግስት በማጋለጥ ላይ በማተኮር ህዝቦቻችን የዚህ መሰሪ ቡድን ድርጊት ሰለባ እንዳይሆኑ ማስተማር፣ መምከርና የማቀራረብ ስራ በሰፊው እንዲሰሩ በበኩሌ ኣደራ እላለሁ።
በኣጠቃላይ ለነጻነት፣ ለእኩልነት፣ ለሰላምና ዲሞክራሲይዊ መብታችን መከበር የተጀመረው ትግል ከግቡ እንዲደርስና በጭካኔው ወደር የማይገኝለትን ጸረ-ሰላምና ኣሸባሪውን መንግስታዊ ቡድን ለማስወገድ የሃገሪቷ ህዝቦች ተባብረው ትግሉን ማፋፋም ኣለባቸው። በተለያዩ የፖለቲካ ቡድኖች በኩል የቀረቡት የትብብር ጥያቄዎችና የመቀራረብ መንፈስም ለዘመናት ሰቆቃ ላልተለያቸው የኢትዮዽያ ህዝቦች ሲባል ተጠናክሮ ለኣንድ ኣስተማማኝ ውጤት እንዲበቃ ሁሉም መደገፍና ግፊት ማድረግ ኣለበት። የተባበረ ህዝባዊ ሃይል ምንጊዜም ኣሸናፊ ነው።
በቀለ ጅራታ:- የቀድሞ የኦፌዴን ዋና ጸሃፊ

source: http://gadaa.net/FinfinneTribune/2015/12/baqqalaa-jiraataa-qabsoon-itti-fufuu-qaba-%E1%89%A0%E1%89%80%E1%88%88-%E1%8C%85%E1%88%AB%E1%89%B3-%E1%88%85%E1%8B%9D%E1%89%A3%E1%8B%8A-%E1%89%B5%E1%8C%8D%E1%88%89%E1%8A%93-%E1%89%B5%E1%89%A5/

No comments:

Post a Comment