Search This Blog

Tuesday, October 17, 2023

It is impossible to pay buck their favours of oromo heros who sacrifice their lifes for oromo Freedom/Namoota wareegama guddaa kafalanii uummata Oromoof oolmaa guddaa oolan otoo lubbuun jiranii maaliif gargaaruun hanqatame?

 Namoota wareegama guddaa kafalanii uummata Oromoof oolmaa guddaa oolan otoo lubbuun jiranii maaliif gargaaruun hanqatame?

Oromo heros who sacrifice their life.

Ummanni Oromoo qabsaa’ota isaa osoo lubbuun jiranii kunuunsuun olmaa isaanii deebisuu qaba jedhan qaamoleen hawaasaa garagaraa biyya keessaa dubbise.
Qabsaa’onni Oromoo lubbuu isaanii qaalii fi maatii isaanii dirree irratti facaasanii bilisummaa ummata Oromoo barbaaduuf aarsaa kafalaniif ummanni Oromoo gatii isaa beekee osoo lubbuun jiru kabajaa maluuf itti horu qaba jedhan.
Imala diddaa gabrummaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabsaa’onni jireenya isaanii guutuu kaayyoo qabsoo saba Oromootiif jiraatan danuudha.
Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo dhaloota dhaalchisuuf osoo qabsoo tarkaanfachiisanii kanneen dirree qabsoo keessatti kufanii fi achi buuteen isaanii dhabame danuudha.
Hooggantoonni qabsoo bilisummaa Oromoo kanneen akka Nadhii Gammadaa, Baqqalaa Dawaanoo, Guutamaa Hawaas, Laggaasaa Wagii, Baaroo Tumsaa, Jeneraal Taddasaa Birruu, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Aliyyii Cirrii, Jeneraal Huseen Bunee, Soorressa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Abubakar Muussaa, Kumaalaa Jaatanii Ali dabalatee kumaataman maatii fi jiruu isaanii dirree irratti facaasanii bilisummaa ummata Oromootiif aarsaa ta’anii jiru.
Artistoonni Oromoo kanneen qabsoo bilisummaa ummata Oromoo fi cunqursaa sirna gita bittaa sagalee isaaniitiin mormaa turan kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoosef Gammachuu, Abdii Qophee, Usmaayyoo Muussaa, Musxafaa Harawwee, Daadhii Galaan, Halloo Daawwee, Ibraahim Aadam, Nuhoo Goobanaa, Doktara Kabajaa Alii Birraa, Zarihuun Wadajoo dabalatee kumaatamni saba kanaaf jiraatanii addunyaa kana irraa boqatanii jiru.
Addatti artistoonni Oromoo jireenya isaanii guutuu saba Oromootiif kennuun, gabrummaa ummata Oromoo irra jirtu walleen ibsuu fi ummata daandii qabsoo irratti dammaqsuu keessatti shora olaanaa taphatani jiru.
Haa ta’u malee ummanni Oromoo qabsaa’ota, weellistootaa fi maatii qabsaa’otaatiif gaaddisa ta’ee kunuunsaa fi kabajaa maluuf kennuu hanqachuun hedduun isaanii jireenya gadadoo jirataani addunyaa irraa boqatanii jiru.
Artist Halloo Daawwee kan Onkolooleessa 14 bara 2023 boqattee, Onkoloolessa 16 bara 2023 sirni awwaalchaa ishee raawwate osoo lubbuun jirtu "saba koo of biraa dhabe, gaafa du'e dirree irratti na hin dhiisinaa na awwaalaa, alagaan nutti kolfaa" jechuun dhaammattee turte.
Dhimma kana irratti Oromiyaa bahaa irraa yaada kan kennee dargaggoo Raabaa Doorii, Ummanni Oromoo qabsaa'onni isaa rakkatanii sadarkaa kana irraa hanga gahanitti ilaaluun sirri miti, qabsaa'ota isaatiif osoo lubbuun jiran xiyyeefannaa guddaa kennuufi qaba jedhe.
Qabsoo Oromoo keessatti artistoota dabalatee qabsaa'onni bilisummaa ummata Oromootiif aarsaa guddaa kafalan kabajaa fi kunuunsa maluuf saba Oromoo irraa argachuu qaban kan jedhu dargaggoo Raabaa Doorii, keessattu weellistoota Oromoo kan adda taasisu bilisummaa ummata Oromootiif weellisuu isaaniiti jedha.
“Mirga qabsaa’uu fi afaan Oromootiin baratanii hojjachuu kan argamsiisan qabsaa’ota kaleessaa fi yuubota har’aati” kan jedhu Raabaa Dooriin, ummata Oromoo wallee isaaniitiin wal barsiisuun Oromiyaa fi Oromoo har’aa uumuu danda’anii jiru jedha.
Maatii artistoota saba kanaaf wareegamani kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muussaa, Musxafaa Harawwee, Daadhii Galaan, Eebbisaa Addunyaa, Haacaluu Hundeessaa dabalatee kanneen du’a umamaatiin boqatan kanneen akka Zarihuun Wadajoo, Ibraahim Aadam, Halloo Daawwee, Nuhoo Goobanaa, Doktara Kabajaa Alii Birraa fi kanneen biroo maatii isaaniitiif sabni kun gaaddisa ta’uu qaba jedha.
Maatiin qabsaa'ota qabsoo sabaa keessatti aarsaa ta'anii dirree irratti faca'aniif sabni gaaddisa ta'uun abdii qabsaa'ota birootiif ta'a kan jedhan namoonni dhimma kana irratti yaada kennan, qabsaa'aan Oromoo tokko gaafuma inni du'e awwaalcha isaatiif bakka tokkotti yaa'uu irraa osoo lubbuun jiru bira dhaabbachuu wayya jedhan.

No comments:

Post a Comment