Search This Blog

Monday, January 1, 2024

Ammas Ajjeechaan Gara Jabinaan Ummata Nagaa Irratti Deemaa Jiru Dhaabbachuu Qaba!

 


Mootummaan biyya bulchaa jiru PPn, biyya keenya Oromiyaa dirree lolaa godhee, dhiiga ummata nagaa dhangalaasuu, lubbuu dargaggootaa abdii egeree sabichaa ta’an dabaa fi cubbuun bal’eessuu kan yeroo kamii caalaatti har’a hammeessee argama. Kanas ibsoota keenya tibbana walduraa duubaan baasaa jirruun ifa gooneerra.

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deggertu, odeessa laattuu fi nyaachistu jedhuun ummatni keenya roorroo fi gidiraan mootummaa PP itti gaafatamni itti hin dhaga’amne jalatti keessummeessaa jiru sadarkaa ulfaataa irra gahee jira. Hidhaa fi ajjeechaan maqaa kanaan irratti raawwatamaa jirus amma sadarkaa yaadchisaa irra jira. Hunda caalaa ajjechaan geggeeffamaa jiruu fi bifti ittiin ijoollee Oromoo ajjeesaa jiran haalaan gaddisiisaa, suukanneessaa dha.
Godinoota Oromiyaa keessaa Giddu-galli Oromiyaa (Shaggar) iddoo itti yakki namoom-dhabaa, ajjeechaa suukanneessaan maqaa WBO nyaachistu ykn odeessa laattuuf jedhuun ummata keenya nagaa irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) fi poolisoota sirna Biltsiginnaan raawwatamaa jiru keessaa isa tokko dha.
Haaluma kanaan gaafa 10/04/2016 ALItti Godina Shaggar Kibba-lixaa Ona Iluutti dargaggoota maqaan isaanii Gammadaa Caalaa fi Tasfaayee Hundee jedhaman mana isaanii irraa qabanii magaalaa Ona Iluu kan taate Tajii keessatti guyyoota 6f hidhan.
Gaafa 16/04/2016 dargaggoota kana hidhaa baasanii gabaa bakka ummatni bittaa fi gurgurtaa itti gegeeffatu keessa dhaabuudhaan haala suukanneessaa fi gaddisiisaan fuula ummataa duratti rasaasaan tumanii ajjeesan. Ijoolleen kun haala laphee nama cabsuun WBOf nyaata kennan jedhamanii hidhattoota sirna PPn akka rashanaman hubatameera.
Mootummaan PP gocha bineensummaa fi abdii kutannaa akkanaa ummata nagaa irratti raawwatu jiru kun, haalli har’aa jijjiiramee bor haala biraan bakka bu’uu akka danda’u hubatuun, gocha isaa abaaramaa kana irraa akka dhaabbatuu fi ummata keenya irraa harka isaa dhiigaan faalame kana akka kaasu ABO ammas irra deebi’ee jabeessee hubachiisa.
Osoo ummatni keenya dabaa fi cubuun akka baalaa harca’aa jiruu hamilee ittiin cal’isnee ilaalluu fi bira dabarru waan hin qabneef, ummatni keenya bal’aan darbees hawaasni idil addunyaa fi falmitootni mirga dhala namaa mootummaa PP dhiiga ummataan harka dhiqataa jiru kana gama hundaan dhiibbaa akka irratti godhan ABOn ammas gadi jabeessee yaamicha isaa dhiheessa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde , 2023
Finfinnee

No comments:

Post a Comment