Search This Blog

Friday, January 5, 2024

Prosperity Party is responsible for the killing of innocent civilians /Lola deddeebiin ummata keenya irratti banamee lubbuu qulqullootaa galaafateef kan itti gaafatamu mootummaa PP ti.

 Lola deddeebiin ummata keenya irratti banamee lubbuu qulqullootaa galaafateef kan itti gaafatamu mootummaa PP ti.


Mootummaan Biltsiginnaa waggoota shanan darbaniif gaaga’ama ulfaataa ummata keenya irraan gahaa tureera. Addatti bara darbe 2023 ummata nagahaa jumlaan ajjeesuu, qe’ee fi qabeenyaa waliin gubuu, jumlaan hidhuu fi manneen hidhaatii baasee ajjeesuun reeffa bineensa nyaachisuu hojii guyyuu godhatee dabarse.
Bara haaraa 2024 itti seename kanas ummata nagahaa maqaa WBO deeggartu jedhuun hidhuu fi hidhaa baasee ajjeesee bosonatti gatuun reeffa bineensa nyaachisuu itti fufeera.
Wayta ammaa kanas waraanni mootummaa (RIB) fi finxaaleyyii Faannoon mootummichi ijaaree fi hidhachiise Oromoo Walloo irratti lola banuun hedduu ajjeesanii hedduu madeessuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n mirkaneeffateera.
Finxaaleyyiin saamicha lafaa fi qabeenya ummata Oromoof bobba’anii fi waraanni mootummaa aangoo siyaasaa mootummaa Dr.Abiyyii eeguuf bakka adda addaatti yakka raawwatu Amajjii 03 fi 04, 2024 Kaaba Oromiyaa Godina addaa Walloo Ona Jiillee Dhummuuggaa bakka addaa Waaccuu jedhamutti lola eegalan. Wayta ammaa kana guutummaa Godina Wallootti ummata nagahaa irratti lola bananiin lubbuu qulqullootaa 17 ol ajjeesanii, 78 ol ammoo madoo taasisaniiru. Ammas lolli ulfaatan walitti fufiinsaan ummata irratti deemaa jira.
Godina Addaa Walloo Ona Jiillee Dhummuugaa fi Haxaayyiitti kanneen waraana Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyyaan (RIB) ajjeefaman namoonni 10 maqaan isaanii nu dhaqqabee jira. Jiillee Dhummuugaatti kanneen ajjeefaman keessaa:-
1) Muhaammad Aliyyii Muusaa
2) Diingoo Umarshaa
3) Ahmad Umaree Aadamuu
4) Wommaad Yaadalii
5) Abdallee Hasuu Abdallee
6) Alii Womaad Alii
7) Hasan Sa’id
8. Xaahir Huseen
Haxaayyitti kanneen ajjeefaman keessaa:-
1) Muhee Hasanuu fi
2) Hasan Alii ti.
Kanneen madaa’anii ciisaa jiran keessaa kan maqaan argame:-
1) Aliyyoo Umar Womaad
2) Oromiyaa Hammee
3) Yaasin Sheek Umar Alii
4) Umar Xiqoo
5) Arbiyee Muhitaa Haajii
6) Muhaammad Umar
7) Haajii Umar Haajii
8. Hedar Muhaammad Foros
9) Aliyyii Muhaammad Saalii
10) Umar Alii Usee
11) Ahmed Quraan
12) Aadam Ahmad Kurfoo
13) Jamaal Ahmaduu Abdallaa
14) Muhee Umar Aliyyii Jaarraa
15) Ahmad Siddiiq
16) Ahmadee Haajii Baayyuu
17) Hassan Usman Abdallaa
18) Ahmed Hasolii Umar
19) Arbiyyee Sulxaan
20) Rugii fi
21) Hammee Aliyyoo kanneen jedhaman keessatti argamu.
Bifuma walfakkaatuun gaafa Amajjii 01, 2024 waraanni mootummaa PP Lixa Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa gandoota Ona Begii jala jiran keessaa ummata nagahaa maqaa WBO waliin hidhata qabdan jedhuun funaananii hidhan keessaa namoota 8 halkan hidhaa baasuun ajjeesanii bosonatti gatuun bineensi akka nyaatu taasisuun hubatameera.
1) Mahaammad Mahaammad Alii – Ganda Karmaa Foojjee irraa
2) Eliyaas Abdulqaadir – Ganda Karmaa Foojjee irraa
3) Qees Dirsa’uu Tarrafaa fi
4) Marsii Jibbaa – Ganda Oofa Koobbaree irraa kanneen ajjeefamanii bineensa nyaachifaman keessatti argaman.
Mootummaan Biltsiginnaa Dr.Abiy Ahmediin durfamu waraana isaan lola qindaawaa ummata siviilii irratti bansiisuun luubbuu hedduu galafatanii, hedduus madeessaniif gaafatama jalaa hin bahan.
Addi Bilisummaa Oromoo gochaa suukanneessaa fi bineensummaa akkasumas lola cubbuu walitti fufiinsaan waraanni mootummaa Biltsiginnaa ummata keenya irratti raawwatu cimsee balaaleffata; duras dhaabbata.
Kanuma waliin, gocha gara jabeennaa Biltsiginnaan waraana isaa itti gaafatamummaan itti hir’atu ummata nagahaa irratti bobbaasuun lubbuu ummataa akka baalaatti harcaasaa jiruuf, ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaa, lammiileen Oromiyaa, waliigalatti ummatootni biyya kanaa haqaa fi kabajamuu mirga dhala namaaf jecha mootummaa ummataaf naatoo hin qabne kana akka balaaleffatanii fi gocha isaa kana dura akka dhaabbatan jabeessinee dhaamna.
Jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni Idil Addunyaas akka dura dhaabbatan yaamicha keenya haaromsina.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii , 2024
Finfinnee

Comment

No comments:

Post a Comment