Search This Blog

Tuesday, May 20, 2014

Ummata Oromoo Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachuun Gaaffii Mirgaa Tasa Hin Dhaabu Jedhu Barattooti Oromoo Adamaa

Sirni awwaalcha barataa Bilisummaa Lammii Shawaa Bahaa Magaalaa Ejeree keessatti (Caamsaa 18, 2014).
(Caamsaa 16/2014 Adaamaa)
Har’a Adaamaa Keessatti Sabboontota Oromoo Waraana Wayyaaneen Ajjeefaman
1. Milishuu Mallasaa: Bakki Dhaloota isaaa Amboodha, Hojiin isaa Daldalaadha. Akkasuma mucaan kuni waggaa 8 mana hidhaa ture bahe, waggaa sadii mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti waggaa 5n ammoo Qaallittiitti hidhamee bahe.
2. Bilisummaa Lammii: Bakka dhalooti isaa Aanaa Lumee bakka Ejeree jedhamtuudha. Barataa Rift Vaaliy Yuuniversitii koollejjii barataa Bisines Manajimentiidha. Yeroo darbee kan hidhamee baheedha. Namoota kana suuraa isaanii boruu dhaamna.
Kanneen jedhaman loltoota Wayyaanee kan Fedaraalaan qabamanii erga hidhaa seenaniin booda loltootaan ajjefamuu gabaasi amma Adaamaa irraa dhaqabe addeessa.
Mootumaan Wayyaanee rasaasaan reebee ajjeesuun isa gahuu didnaan magaalaa keessa deemee ilmaan Oromoo akka bineensaa adamsee ajjeesuu irratti argama. Kan nama dhibu guyyaa lama dura Adaamaa keessatti gaaffii mirgaa gaafachuudhaan barattootaa fi hojjetoota garagaraa nama 40 ol hidhuudhaan mana hidhaa keessatti dararamaa turan.
Kanneen keessaa Oromooti olitti maqaan dhahame keessatti argamu. Guyyaa har’aa kana mana hidhaa keessaa baasanii konkolaataan fuudhanii deemuun Oromoota lamaan kana lubbuu galaafatanii akka darban gabaasi Adaamaa ni addeessa. Guutummaa haala isaanii fi suuraan qabsaawota kanaa gara fuula duraa if ni ta’a.

No comments:

Post a Comment