Search This Blog

Friday, March 6, 2015

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)

Barattootni Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo Keessatti Suuraa Barattoota Wareegamanii Baachuun Yaadannoo Taasisan, Manneen Barnoota Garagaraa Keessattis Fincilli Itti Fufe!
Odeessa Qeerroo magaala Amboo, Bitootessa 5/2015
Lixa shawaa, aanaalee fi magaalota keessatti guyyaa lama dura barattootni kanneen akka Midaa Qany, Geeddoo, Xiqur Incinnii fi kkf barumsa dhaabuun yaadannoo wareegamtootaaf taasisanii jiru, kun itti fufuudhaan har’a akka odeessi Qeerroo magaala Amboo irraa addeessutti suuraan barattoota bara darbe Ebla 11/2015 kaasee magaala Amboo fi waluma gala godina shawaa lixaa keessatti gaaffii mirgaa gaafataniin wareegaman mara suuraa isaani bittimsuun, baachuudhaan barattootni olii gadi sochii taasisaa turan akkasuma:
- OPDO hanga yoomitti saba keenyatti taphattii, kan sabaaf hin taanee nurraa ka’i,
- Gumaa barattoota keenyaa baasuun amma malee bor miti,
- Maqaa misoomaan qote bulaan keenya gowomfamuun haa dhaabbatu, kan jedhu qabachuudhaan barattootni magaala Amboo keessatti daandiitti bahuudhaan socho’uudhaan tika fi humna mootummaa dhokataa uummata keessa faca’ee jiru mufachiisuun dhagayame.
Akkasuma akka odeessi kun ibsuttis sochii barattootaa kana tasgabbeessuuf humni mootummaa irraa ergame barattooni har’as ni bahu kan jedhuun mana barumsaa Future Generetion fi mana barumsaa Ayyoomee 01 akkasuma mana barumsaa Liiban Maccaa sadarkaa 2ffaan dhagaa darbachuudhaan humna mootummaa gara sanatti argame poolisoota ariyuun beekame. Kunis sa’a 8:00 irraa kaasee kan eegale barattootni sirboota qabsoo dhageessisaa fi dhaadannoo akkasuma barruulee hojii mootummaa wayyaanee saaxilu bittimsuu fi babarreessuu odeessi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment