Search This Blog

Sunday, March 22, 2015

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) Bitootessa . Warraaqsii FDG goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qabsiisaniin walqabatee magaalaan Jimmaa fi Mattuu muddama guddaa keessa galte; barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Yuunibarsiitii Mattuu mooraa yuunibarsiitii keessa akka gadi hin bane hunoota poolisaa fi tikoota wayyaaneetiin ittifamaa fi eegama jiru.

Warraaqsii FDG Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Qabsiisan daran jabaachuun guyyaa kaleessa hanga gaaffiin mirga fi dimookiraasii gaafachaa jirru deebii argatuttii jechuun nyaataa fi barnoota dhaabuun diddaa isanii ibsacha kan jiran yoo ta’u, Guyyaa hardhaa immoo goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunibarsiitii keessa gadi akka hin baane humna poolisa federaalaa fi humnota tikaa wayyaaneen ittifamuun eeggichi guddaan irratti gaggeeffama jira.
Barruuleen warraaqsa FDG’s magaalaa Jimmaa fi Mattuu keessatti guyyaa har’aa irree Qeerroo barattoota Oromoon facaafame, qabxiilee Armaan gadii of irraa qaba.
1. Mirgootni dimookiraasii fi Mirgi namummaa uummata keenyaaf haa kabajamu.
2. Doorsifnii humna poolisaa ,tikaa fi waraana wayyaaneen nurratti godhamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba.
3. Sakkatta’insii mooraa Yuunibarsiitii irra kaa’ame kaafamu qaba.
4. Filmaata sobaa dura gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
5. Dimookiraasiin hin jiru, Mootummaan EPRDF abbaa irree Afrikaa Bahaati.
6. Uummatni Oromoo Oromummaan Yakkamee hidhatti ukkaanfame gaaffii tokko malee haa hiikaman.
7. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa,hidhaa fi baranoota irraa arii’achaa turan seeratti dhiyaachuu qabu.
8. Abbay Tsahayee angawaan TPLF/EPRDF kan ta’ee yakkamaan saba keenyaa arrabsee fi eenyuummaa uummata keenya balfe angoo gadhiisuun yakka dugugginsa snyii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba.
9. Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
10. Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba.
11. Hanga Mootummaan abbaa irree Wayyaanee angoo gadi lakkisutti FDG jabaatee itti fufa. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeessa jirru jabeessinee karaa nagaa fi Dimookiraasii addunyaatti iyyachuu fi abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun jabaatee itti fufa barruun jedhu bittinneeffama jira.
'Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) Bitootessa 21,2015.

Bitootessa 21/2015 Warraaqsii FDG goototni dargaggootni  barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qabsiisaniin walqabatee magaalaan Jimmaa fi Mattuu muddama guddaa keessa galte; barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Yuunibarsiitii Mattuu mooraa yuunibarsiitii keessa akka gadi hin bane hunoota poolisaa fi tikoota wayyaaneetiin ittifamaa fi eegama jiru.

Warraaqsii FDG Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Qabsiisan daran jabaachuun guyyaa kaleessa hanga gaaffiin mirga fi dimookiraasii gaafachaa jirru deebii argatuttii jechuun nyaataa fi barnoota dhaabuun diddaa isanii ibsacha kan jiran yoo ta’u,  Guyyaa hardhaa immoo goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunibarsiitii keessa gadi akka hin baane humna poolisa federaalaa fi humnota tikaa wayyaaneen  ittifamuun eeggichi  guddaan irratti gaggeeffama jira.  

Barruuleen warraaqsa FDG’s magaalaa Jimmaa fi Mattuu keessatti guyyaa har’aa irree Qeerroo barattoota Oromoon facaafame, qabxiilee Armaan gadii of irraa qaba.
1.      Mirgootni dimookiraasii fi Mirgi namummaa uummata keenyaaf haa kabajamu.
2.      Doorsifnii  humna poolisaa ,tikaa fi waraana wayyaaneen nurratti godhamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba.
3.      Sakkatta’insii mooraa Yuunibarsiitii irra kaa’ame kaafamu qaba.  
4.      Filmaata sobaa dura gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
5.      Dimookiraasiin hin jiru, Mootummaan EPRDF abbaa irree Afrikaa Bahaati.
6.      Uummatni Oromoo Oromummaan Yakkamee hidhatti ukkaanfame gaaffii tokko malee haa hiikaman.
7.      Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa,hidhaa fi baranoota irraa arii’achaa turan seeratti dhiyaachuu qabu.
8.      Abbay Tsahayee angawaan TPLF/EPRDF kan ta’ee yakkamaan saba keenyaa arrabsee fi eenyuummaa uummata keenya balfe angoo gadhiisuun yakka dugugginsa snyii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba.
9.      Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
10.  Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba.
11.  Hanga Mootummaan abbaa irree Wayyaanee angoo gadi lakkisutti FDG jabaatee itti fufa. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeessa jirru jabeessinee karaa nagaa fi Dimookiraasii addunyaatti iyyachuu fi abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun jabaatee itti fufa barruun jedhu bittinneeffama jira. 

Uummatni gama isaatiin biyyaa dimookiraasiin hin jirree keessatti sagaleen keenya kabaja hin qabu, waanta’eef warraaqsii FDG garbummaa kabaja eenyuummaa, Oromummaa fi mirga keenyaa ta’uu hubachuun mootummaa wayyaanee gama hundaan dura dhaabbachuu qabana jechuun mootummaa Wayyaanee muddee qabee jira. 

Haalaa kanarraa ka’uun yeroo amma kanatti magaalaan Jimmaa fi Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Mattuu fi yuunibarsiitiin Mattuu muddama guddaa keessa seente jirti.'
Uummatni gama isaatiin biyyaa dimookiraasiin hin jirree keessatti sagaleen keenya kabaja hin qabu, waanta’eef warraaqsii FDG garbummaa kabaja eenyuummaa, Oromummaa fi mirga keenyaa ta’uu hubachuun mootummaa wayyaanee gama hundaan dura dhaabbachuu qabana jechuun mootummaa Wayyaanee muddee qabee jira.

Haalaa kanarraa ka’uun yeroo amma kanatti magaalaan Jimmaa fi Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Mattuu fi yuunibarsiitiin Mattuu muddama guddaa keessa seente jirti.

No comments:

Post a Comment