Search This Blog

Saturday, March 28, 2015

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) Bitootessa 28,2015.

Basaasa wayyaanee yeroo dheeraa kan ta'ee fi barattoota Oromoo irratti tarkaanfiin ajjechaa fi hidhaa akka fudhatamuuf yakkoota gugurdaa hojjechaa kan ture diinni Kadir Yuusuf/Dachaasaa Gulummaa jedhamu tarkaanfii gidduu kana irratti fudhatameen ajjeefamee jira.
Basaasa wayyaanee jabaa kan ta'ee fi harka isaa dhiiga ilmaan Oromootiin dhiqataa kan ture Kadir Yuusuf kan ajjeefame magaalaa D.Dhawaa keessatti akka ta'es beekuun danda'ameera.
Kadir Yuusuf bara 2004 barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee jumlaadhaan wayyaaneen wayta ari'amanitti barataa fakkaatee seenuudhaan kan basaasaa fi ajjeesisaa ture akka ta'e hubatameera.
Basaasni wayyaanee yakkamaan Kadir Yuusuf hojii basaasummaa fi dalagaa yakkaa ilmaan Oromoo irratti hojjetuun galateeffatamee bara 2004 ammas karaa dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO keessaan dirqamni tikaa itti kennamee Godina Harargee Bahaa magaalaa Hararitti waajjira OPDO keessatti ramadamee maqaa Dachaasaa Gulummaa jedhamuun socho'ee ilmaan Oromoo irratti yakka dalaguu jabeessee itti fufe.
Wayyaaneedhaaf tika ykn basaasaa amanamaa ta'uu irraa aangoon kennameefii bakka bakkatti socho'ee akka hojjetu kan taasifame diinni ilmaan Oromoo Kadir Yuusuf/Dachaasaa Gulummaa, haaluma kanaan Yunversitiilee gara garaarra deemuudhaan barattoota Oromoo hiisisaa fi ajjeesisaa kan turee dha. Barattuu Oromoo Daraartuu Abdataa Gumii Afaan Oromoo Yunversitii D.Dhawaa keessaa akkasumas barataa Nimoonaa Caalii Gumii Afaan Oromoo Yunversitii Haramaayaa keessaa kan hiisise basaasaa fi tika wayyaanee Kadir Yuusuf kana akka ta'e oduun arganne ni mirkaneessa.
Yakka ilmaan Oromoo irratti raawwataa tureef tarkaanfiin ajjechaa kan irratti fudhatame basaasnii fi tiki wayyaanee Kadir Yuusuf/Dachaasaa Gulummaa, reeffi isaa wayyaanotaan magaalaa Hararitti kan argamu Hospitaala Hiwot faanaatti akka geeffames bira gahuun danda'ameera.
Tikootnii fi basaasotni wayyaanee naannootti argaman tarkaanfii kanaan guddoo akka rifatanii jiran hubatameera.
Miseensa waraana Agaazii fi basaasa wayyaanee jabaa kan ture Dargee Nugusee bara 2014 keessa sochii gaaffii mirgaa barattootnii fi ummatni karaa nagaan gaafachuuf ba'anitti rasaasa roobsuun
lubbuu ilmaan Oromoo hedduu galaafate magaalaa Amboo keessatti tarkaanfii irratti fudhatameen Bitootessa 23,2015 galgla ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment