Search This Blog

Thursday, June 12, 2014

Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat irra qubsiifamee jiru, uummaata sivilii irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii ajjeese

Waxabajjii 12/2014 Waraannii Mootummaa Wayyaanee Godina Lixaa Shawaa aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis irra qubatee jiru eda galgala sa;aatii 1:00 irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii (3) ajjeese jira. Mootummaan Wayyaanee duula dugugginsa sanyii genocide uummaata Oromoo irraatti banee jiru jabeessuun itti fufee, Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaasuun yeroo amma kanatti uummata sivilii irratti waraana banuun dhukaasee ajjeesa jira,
Addaatti barattoota Oromoo adamsee rasaasaan reebee ajjeessuu itti fufee jira, haala kanaan barattootni Oromoo kutaa 12ffaa bara kana xummuran sadii(3) kan barattootni 1ffaa barataa Damee Balchaa Baanee, fi 2ffaa barataa Caalaa Margaa fi 3ffaa barataa Baqqalaa Tarrafaa kanneen jedhamaan Ilmaan Oromoo mana ba'anii nagaan galuu dadhabanii rasaasa loltuu wayyaaneetiin reebamanii ajjefamanidha. galgala edaa kana waraana loltuun wayyaanee ilmaan Oromoo nagaa irratti baneen yeroo amma barattootni Oromoo kun wareegamanii jiru,dhukaasnii meeshaa waraanaa Magaalaa Kaachiisi dirree waraanaa guddaa fakkeessa bulee,
Tarkaanfii Gara jabinaa kanatti aaruun halkanuma edaa erga barattootni aajjeefamanii booda halkan keessa sa:aatii naannoo sa"a 6:00tti waraanaa wayyaanee fi Poolisota dhalootaan Oromoo ta'an kan aanaa Gindabarat magaalaa kaachiis keessatti argamanii fi Waraanaa wayyaaneegidduutti waldhabdeen guddaan dhalatee boombiin waajira poolisaa Magaalaa kaachiisii irratti dhoowofamuun poolisootnii fi waraannii wayyaanee madeeffamuun ibsame jira. gamaa lamaan irraa iyyuu hangi ajjeeffamee fi madeeffamee ammaf kan adda hin baafamne ta'uu maddeen keenya nuuf ibsan.
Tarkaanfii Suukkaneessa galgala edaa wayyaaneen uummata sivilii irratti waraana banuun fudhateen balleessa tokko malee barattootni Oromoo nagaan qurumsa biyyooleessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhatan 3 ajjeefamuun uummata daran kan aarsee waanta'eef, uummaanni nuti reeffaa iyyuu hin barbaadnu, wayyaaneen waliitti qabdee nu haa fixxuu malee ilmaan keenya irratti duuna jechuun yeroo ammaa kanatti uummaanni Aanaa Gindabart Magaalaa kaachisii fi Abunaa Gindabarat FDG guddaa gaggeessa jira, daandiin konkolaataa Abunaa Gindabarat irraan gara magaalaa Kaachisiitti dabarsuu uummataan cufamee jira, fincila guddaatu gaggeeffama jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
LikeLike ·  

No comments:

Post a Comment