Search This Blog

Saturday, July 19, 2014

ABO tokkoomsuuf, walgahii bakka bu’oota Gumii Sabaa ABO Shanee Gumii fi Qaama Cehumsaa biyya Jarmaniitti gaafa 25/06/2014-28/06/2014tti geggeeffame fi murtii darbe irratti ibsa ejjennoo miseensota ABO kan biyya Keenyaa.

Nuti miseensotni ABO, kan duraan garee Shanee Gumii fi Qaama Cehumsaa keessa turre, guyyaa gaafa 12/07/2014 bakka tokkotti walgahii geggeeffannee, ABO tokkoomsuun murtii walgahiin Bakka bu’oota Gumii Sabaa garee ABO lameenii biyya Jarmaniitti dabarse irratti marii bal’aa fi dimookraatawaa eerga geggeeffannee booda ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfanneerra.
1. Tokkummaan qabsaawota walabummaa Oromiyaa, Oromiyaa
walaboomte keessatti bilisa ta’ee jiraachuuf mirga ummatni Oromoo qabu kabachiisuuf qooda olaanaa waan qabuuf, kun hubatamee, ABO tokkoomsuuf tarkaanfii hoogganni ABO fudhatetti ni boonna.
2. ABO tokkoomsuun murtii walgahiin Gumii Sabaa waloo (kan gareen Shanee Gumii fi QC-ABO) biyya Jarmaniitti dabarse: fedhii, gaaffii fi hawwii miseensota fi deggertoota ABO fi ummata Oromoo bal’aaf, akkasumas, firoota qabsoo walabummaa Oromoof deebii kan kenne waan ta’eef, guutummaatti akka deggerru ibsachaa akka hojii irra oolchinus irbuu seenna.
3. Tokkummaan qabsaawota walabummaa Oromiyaa, utubaa qabsoo walabummaa Oromiyaa waan ta’eef, tokkummaa ABO biyya Jarmaniitti mirkanaawe kana akka qaroo ija keenyaatti tikfataa faalla tokkummaa kana kanneen ta’an dura jabinaan ni dhaabbatna.
4. Jabinni ABO fi hooggana isaa, sadarkaa duraatti miseensota isaa irra madda waan ta’eef, dirqama dhaabi nutti kennu, kan duraanii caalaatti gahummaa, muratnoo, gootummaa fi of-keniinsa cimaan raawwatnee ABO fi hooggana isaa daranuu jabaa ni taasifna.
5. Hawwaasa tokko keessatti miseensoti dhaaba tokkoo, dhaaba bakka bu’an sana calaqqisu. Kana waan ta’eef, kan duraanii caalaatti, naamusaa fi sansakkaan hawaasa Oromoo fi hawaasa biro kan biyya kanaa irratti hojjechuun daranuu ABO jala akka hiriiran ni goona.
6 .Qabsaawoti walabummaa Oromiyaatti amananii fi qabsaawan, kan gurmuu Oromoo adda addaa keessa jiran, tokkummaa ABO keessatti akka haamatamaniif shaffeessan akka irratti hojjetamu gaafanna.
7. Qabsoo walabummaa Oromiyaa ABO’n geggeeffamu bakkaan gahuuf, qabeenyaa guddaan ummata Oromoo keessaa madda. Waan ta’eef, ABO tokkoome kana cina hiriiree qooda lamummaa Oromiyaa akka bahatuuf ummata Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatuuf yaamicha lamummaa dabarsinaafi.
Injifatnoon Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment