Search This Blog

Tuesday, July 22, 2014

Tokkoomuu ABO fi Qaama Ce’umsaa ABO Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Nuti gareen hoggana Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa tokkoomuu ABO fi Qaama Cee’umsaa ABO gidduutti mirkanaa’ee jiru yeroo dhageenyutti gammachuu guddaatu nutti dhagaa’ame. Ammaan dura waggoota muraasaaf wal hubatnoo dhaba ABO gidduutti mudatee turetti gaddaa kan turre, yeroo ammaa rakkoon jiru karaa nagaa furamee tokkummaan ABO jabaatee waliigalteen tokkummaa mallatteeffamuun hoggansii ABO qaama tokko jalatti deebii’uun milkii guddaa fi injifannoo boonsaa ta’uu Qeerroon dinqisiifachuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.
1. Bakka buutonni Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti FDG bifa qindaa’een qabsiisuun abbaa irree Wayyaanee waawwachisa yeroo jirrutti ibsa tokkoomuu ABO fi qaama cee’umsaa ABO yeroo dhageenyu hedduu gammadne.ABO’n gaachana uummata Oromooti. Uummanni Oromoos dhaaba kana ni jaalata, ni kabaja, yeroo ammaa kanatti uumata Oromoo Oromiyaa keessa jiru biratti ABO jechuun mallattoo eenyummaan Oromoo fi Oromiyaa itti beekamu ta’uu irraan ummati Oromoo akka eenyummaa isaatti ilaala.ABO’n uummatni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba’ee mirgii namoommaa fi mirgii dimookiraasii kabajameefii mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkanaa’ee Oromoo fi Oromiyaan akka wal simatan dhaaba uummata Oromoo fedhii uummata Oromootiin hundeeffame jarmiyaa ulfina qabeessa Oromoon itti amanudha. Kanaaf rakkinni hogganoota dhaaba kana gidduutti mudatee ture karaa nagaan furamuun jijjiramni siyaasaa fi wal danda’uu guddaan dhaabicha giddutti uumamuun jijjirama siyaasa Oromoo waan ta’eef labsa tokkomuu ABO kana dachaan kan deeggaru ta’uu hoogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gammachuu itti dhaga’amee jiru ibsata.
2. Jijjiiramni siyaasaa ABO keessatti yeroo amma mallatteeffamee jirutti ija gochuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareegamaa barbaachisuu itti fufinsaan kanfaluuf qophii ta’uu ibsuun nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo eegallee jirru daran jabeessuun kan itti fufnu ta’uu ejjeennoo keenya sochiin kan mul’ifnu ta’uu ni hubachiifna.
3. Hogganootni ABO yeroo amma garaa garummaa uumaamee jiru akka sirrii hin taanee hubachuun rakkoon waggoota muraasaaf mul’atee ture dogoggora ta’uu hubachuun, tokkummaa ABO dhugoomsanii jiran hedduu dinqisiifanna. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun jabeessuun bilisummaa uummata keenya gonfachiisuuf dhugaa kana hojiitti jijjiruun kutannoo fi muratnoon qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa akka ga’uuf qaamootni kunii fi nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo dirqama addaa qabaachuu keenya ni hubachiifna.
4. Uummaatni Oromoo akeeka eebbifamaa kana hubachuun tokkummaa isaa jabeeffachuun murnoota siyaasaa Oromoo qabatanii qabsoo bilisummaa Oromoof sochoona kanneen jedhan illee gara dirree waliigaltee kanatti fiduun waliigaltee araaraa itti fufinsa qabu gadi dhaabuun bilisummaa uummata keenya galiin ga’uuf Oromoon hundinuu dirqama lammummaa ba’uu qabna.
5. Uummaatni Oromoo hundi farreen Qabsoo bilisummaa Oromoo karaa ilmaan habashaa fi karaa ilmaan Oromoo diinaaf meeshaa ta’uuf fiiganii dura dhaabbachuun fashaluun yeroon gamtaan qabsaa’an amma.
6. FDG baatii Ebla 11, 2014 irraa eegaluun biyaa keessatti bifa qinda’een gaggeessaa jirruuf ilmaan Oromoo biyyoota ambaa garaagaraa fi biyya keessa dirmannaa nuuf gochuun sochii kana keessatti ga’ee keessan baahatanii fi ba’aa jirtan galatni keessan bilisummaa uummata Oromoo haata’u jechaa; Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo godina Oromiyaa adda addaa biyyaa keessatti FDG bifa qindaa’een qabsiisuun mootummaa abbaa irree akka nama bishaan nyaatee hoomachaa qabachuu dadhabee gochaa waan jirruuf, FDG gaggeessa jirruutti ilmaan Oromoo waan dandeessan cufaan dirmannaa akka nuuf gootanii FDG kun itti fufiinsaan gaggeeffamuuf ga’ee keessan akka baataniif waamicha keenya dabarsinee jirra.

7. Walumaa galatti labsi tokkomuu ABO kun uummata Oromoof gammachuu guddaa fi jijjiraama siyaasaa guddaa ta’uu Oromoon hubachuun bifa qindaa’ee fi qajeelfama Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoof dabarfamuu hordofuun uummaatni Oromoo hundi yeroon gamtaan qabsaa’u amma jechuun Qeerroon labsa tookkomuu ABO gammachuu guddaa keessa seenee utuu jiruu uummata Oromoof waamicha itti fufinsaa FDG jabeessa jiraachuu gareen hoggana Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa fi gareen qindeessituu FDG labsa tokkoomuu ABO ilaalchisuun ibsa baase kanaan hubachiisa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment