Search This Blog

Saturday, July 5, 2014

Magaalaa Jimmaatti humna poolisaa kora bittinneessaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhatameen poolisin sirnichaa tokko ajjeefamee kanneen biro heddu madeeffaman.

Magaalaa Jimmaatti humna poolisaa kora bittinneessaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhatameen poolisin sirnichaa tokko ajjeefamee kanneen biro heddu madeeffaman.
Adoolessa 4,2014 Jimaata darbe Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti humna poolisaa kora bittinneessaa wayyaanee ummata Oromoo magaalatti goolaa ture irratti tarkaanfiin fudhatamuu oduun SBO dhaqqabe ifa godhee jira.
Tarkaanfichi kan fudhatame keellaa guddicha seensa magaalaa Jimmaatti yoo tahu tarkaanfii kanaanis poolisin wayyaanee miseensa poolisi kora bittinsaa tahe Laggasaa jedhamu dhalootaan Godina Shawaa Lixaa battalummatti ajjeefamuu fi kanneen 3 tahan ammo akka malee madoo taasifamuun ibsamera.
Humni poolisaa kora bittinneessaa jedhamee magaalaa Jimmaatti ramadame kun FGD barattoota Qeerroo Oromoon fininaa jiru ukkaamsuuf ummata magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee sakkattaan goolaa kan turee fi jiru yoo tahu, tarkaanfii irratti fudhatame kanaan kasaaraan guddaa isa mudateera. Dhukaasni jabaan geggeeffamaa akka turee fi namootni baay’eenis miidhamuu maddeen kan gabaasan oggaa ta’u, magaalli Jimmaas haalaan goolamuutu ibsame.
Humni diinaa tarkaanfiin irratti fudhatame kun FDG ummataa naannichatti fininaa jiru ukkaamsuuf sakkattaa kan geggeessu oggaa ta’u poolisooti magaalaa Jimmaa akka isa gargaaran dhiphisaa akka ture fi kana irraas walii isaaniyyuu walii galuu akka dadhabanii dha oduun bakkicha irraa nu gahe kun dabaluun kan ibsu.
Tarkaanfii fudhatame kanatti kan baarage wayyaaneen yeroo ammaa kana magaalaa Jimmaa dirree waraanaa fakkeessee ummata Oromoo magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee goolaa akka jiru beekameera.

No comments:

Post a Comment