Search This Blog

Friday, July 18, 2014

Dhimma mirga namaa Oromiyaadhaa gadi fageenyaan akka hordofu mootummaan France beeksise

Dhiibbaa mirga namaa Itophiyaa keessattiiyyuu kan saba Oromoo irratti raawwatamu ilaalchisee mootummooti biyya adda addaa balaaleffachaa turuun ni beekam. Hidhaan, reebichiifi ajjeechaan barattoota Oromoo irra baatii Eebilaa 2014 dhaabbilee barnootaa Oromiyaa keessatti raawwatames kan dhaloota saba kanaa bira darbee qaama heddu rifachiseef yakka sukkanneessaa kana akka mormanu taasiseedha.
Ajjeechaa barattootaa kana mormuun Caamsaa 9, 2014 Oromooti jiraattota biyya France ta’aniifi kanneen yakka mootummaa abbaa irree Itophiyaa kana balaaleffatanu hiriira mormii magaala gudditti Paris waajjira ministra dhimma alaa akkasumas Embasii Itophiyaa duratti bahun yakka shororkkeessaa kana balaaleffachuun ni yadatama.
Hawaasni Oromoo biyya France kan balaaleffate yakka mootummaa Itophiyaa qofa utuu hin ta’in deggersa mootumman France mootummaa abbaa irree sanaaf laatu keessattiiyyuu hirmmaannaa qophii «master plaanii Finfinnee» jedhamu irratti fudhatanu ilaalchisee ture.
Mormiin hawaasa kanaas barreeffamaan waajjira Prezidantii France irraa eegalee qaamota dhimmi isa ilaala jedhamee yaadame hundaaf akka gale oduu si’as tamsa’e irratti ibsamuun ni yaadatama.
Waajjirri Prezidantii France deebii iyyata hawaasaa kanaaf laate irratti ajjeechaa naannoo Oromityaa keessattiiyyuu Universitoota Jimmaa, Amboofi Adaamatti raawwatame siriitti hubachuu isaa ibsee mootummoota lamman gidduu hariiroon jiruu cimaa ta’uyyuu hundeen isaa kan kabajaa mirga dhala namaa irratti hundaahe akka ta’e dubbata.
Fakkeenyaafis gumii mirga dhala namaaa irratti France mootummaa Itophiyaatif kabaja mirga namaa ilaalchisee hubachiisa laachuu isii; kunis kabaja bilisummaafi mirga dhala namaa guutuutti kabajuu akka ta’e ibsa.
France qindaahina gamtaa Awrooppaa jalatti socho’uun hidhaa balaaleffatoota mootummaa akkasumas gaazexessitootaa irratti baatii Caamsaa darbe raawwatame balaaleffachuun kun dhiibbaa mirga yaada ofii ibsuufi wolabummaa sab-qunnamtii kan hubu ta’uu isaa addeesseera.
Itti ida’uunis Embaasiin France kan Finfinneetti argamu miilttowwan isaa kan Awrooppaafi Amerikaa woliin ta’uun dhaddacha himatamtoota kanaa irratti argamuun dhugaa jiru adda baafachuuf yaaliin godhame diddaa mootummaa Itophiyaatiin gufachuu isaa saaxileera.
Hata’u male jedha deebiin wajjiraPrezidaantii kun hariiroon Franciifi Itophiyaa gidduu jiraatu uumamatti kan kaayyoo kabaja mirga dhala namaa, wolabummaa seeraafi guddina diinagdee irratti hundaheedha jechuun dhuma irratti mootummaan France iyyata hawaasa Oromoo kana hubannaa itti laatee akka hodofu ibseera.
Kara biraatiin Masterplaanii Finfinnee kan woldiddaafi gaaga’ama uume irratti hirmaannaa fudhateera kan jedhamu bulchiinsi magaala Lyon (France) deebii barreeffamaan woldaa hawaasa Oromoo France kanaaf erge irratti komii dhimma kana irratti dhihaate xiinxalaa jiraachuu isaa ibseera.
Hawaasni Oromoo biyya France ammas hanga mirgi ummata keenyaa guutummaatti kabajamutti fageenyi lafaa utuu isa hin daangessin falmii isaa akka itti fufu hubachiisa.
———- ENGLISH TRANSLATION* —————–
The Chief of Staff of the President of the Republic
ESSA LENJISSO
ASSOCIATION OF OROMO COMMUNITY
125 BOULEVARD de DE CHARONNE
75011 PARIS
The president has received the letter you sent him concerning the situation of human rights and the Oromo people in Ethiopia.
Responsive to your request, MR François HOLAND assigned me to take care of your case.
The France has learned the deadly incidents that occurred last April in Universities of the Oromia region, particularly that of Jimma, Adamaa, Ambo cities, in the context of a protest against new territorial reform.
France maintains very good relations with Ethiopia, at this very case, feels entitled to monitor the situation of human rights in the country. At the Council of human rights for example France attracts the attention of Ethiopia authorities on the importance of respect for the freedoms and human rights for all countries aspiring to become emerging.
France is taking action in the European context following the arrest of nine journalists and bloggers and several members of the oppositions in the beginning of last May; the European Union has condemned the attacks on the respect of freedom of expression and media. Our Embassy in Addis Ababa has tried unsuccessfully, with our European partners and Americans, to attend the opening of their trial to testify to the interest that France has to this situation.
Furthermore, the French cooperation with Ethiopia naturally meets the objectives of promoting human rights, social justice and sustainable economic development.
Ensuring that these issues are carefully followed, please accept the assurance of my highest consideration.
Isabelle SIMA

No comments:

Post a Comment